Addaan Bahiinsa Mootummaa fi Amantii Dhugoomsuun Dirqama Eenyuuti?

Home Forums Waltajjii Dargaggoota Addaan Bahiinsa Mootummaa fi Amantii Dhugoomsuun Dirqama Eenyuuti?

  • This topic is empty.
Viewing 0 reply threads
  • Author
    Posts
    • #3623 Reply

      Urjii Bisootiin*

      Addaan bahiinsa mootummaa fi amantii dhugoomsuu ijoo waan  hundaa    taasisuun bu’a  qabeessa fi  dhimma filannoo  hin qabnee dha. Kana gochuun immoo bilisummaa amantii fi mirgoota ilmaan namaa kanneen  biro kabachiisuuf/kabajuuf fayidaa  olaanaa qaba. Biyyaa amantii fi mootummaan addaan bahiinsa hin qabne keessatti, keessumaa biyya akka Itioophiyyaa kan amantii danuun keessa jiru keessatti amantii tokko qofa akka amantii biyyaa yookaan mootummaatti qabatanii deemuun, walqixxummaaf agaamuun akka hin dhugoomne taasisa. Wanti akkasii kun kanaan dura yaalamee akka biyyaatti kan utuu itti hin milkaa’in hafneedha. Yaada walii galaa barruu  Mihret “ Addaan bahiinsa mootumma fi amantii tiksuu” jedhu irratti wanti utuu hin tuqamin darbe hin jiru. Addaan ba’insi mootummaa fi amantaa maaliifii fi akkamitti akka barbaachisu ibsamee jira. Barbachisummaan addaan bahiinsa mootummaa fi amantiis gadi fageenyaaan ibsamee jira. Haalumaa kanaan barreessituun kun dhaabbanni amantii kam iyyuu dhimma biyyaa (mootummaa) keessa akka hin gallee ibsitee jirti. Ka’umsi ilaalcha kanaa tarii sodaa seenaa yeroo dheeraadhaaf amantiin dhimma mootummaa keessaa seenuu fi dhi’eenya kana paartileen siyaasaa ajandaa amantii waan qaban fakkaatan argamuu isaanii irraa ta’a.

      Addaan Bahiinsa Amantii fi Mootummaa: Daandii filaannoo

      Yaada adda bahiinsa mootummaa fi amantii tiksuu keessatti ka’e ittan amana, haa ta’u malee seerri kun haalaan hojii irra akka ooluuf dhabbatni lameenuu dhimma walii walii isaanii keessaa harka fudhachuu qabu kan jedhutti baayyeen amana. Akkasumas akkuma dhaabbatni amantii akka dhimma mootummaa keessaa harka fudhatu godhamu, xiyyeeffannoon wal fakkaatu yookan caalu dhimma dhiibbaa mootummaan dhaabbilee amantaa fi amantii irratti godhu xiqqeessuuf taasifamuf kennamuu qaba. Biyya amantii mootummaa qabduu keessattis ta’e biyya amantii fi gochoota amantii dhorkitu keessatti addaan bahiinsi amantii fi mootummaa rakkoo keessa jira. Yeroo mootummaan lammiiwwan isaa maal amanuu akka qabanii fi hin qabne murteessuuf akka aangoo qabutti amanu, mirgi amantii, bu’uurri mirga dhala namaa, ni sarbama. Yeroo mootummaa fi amantiin gamtoomanitti, margi wal qixxummaa, bilisummaa amantii, yaadni warra amantii mootummaa hordofanii fi kan biraa hordofanii akkasumas kan warra homaayyuu hin amannee, gufuu walitti ta’a.

      Yaadni addaan bahiinsa mootummaa fi amantii jedhu kan har’a shaakalamaa jiru dhiibbaa mana amantaa Kaatoolikii hambisuuf kan dhufe waan ta’eef, xiyyeeffannoon addaan ba’iinsa amantaa fi mootummaa hirmaannaa amantiin dhimmoota mootummaa keessatti taasisu xiqqeessuu akka ta’e ni eegama. Kun addunyaa irratti, akkasumas biyya keenya keessatti mootummaa amantii irraa adda ta’ee fi kan danooma amantii deeggaru uumeera. Seerri addaan ba’iinsa amantaa fi mootummaa kun yoo seeraan hojii irra oole,   mirga wal qixxummaa, bu’uura mirgoota dhala namaa kanneen biroo, jabeessuutti dabalatee mirgoota dhala namaa hedduu mirkannessuu keessatti dhiibbaa guddaa qaba.  Yeroo mootummaa fi amantiin qaamota addaa addaa lama ta’anii bu’uureffaman, mirgi amantii fi wal qixxuumaan ilma namaa seera duratti ni mirkana’a.

      Itiyoophiyaa fi Giddu-seeninsa mootummaa dhimma amantii keessatti

      Akkuma armaan olitti ibsamuuf yaalametti, seerri addaan bahiinsi mootummaa fi amantii yoo kallattii lamaaniin ta’e akka gaariitti hojjeta. Kunis, mootummaan dhimma amantii keessa, amantiinis dhimma mootummaa keessa yoo galuu baateedha. Dhugumas dhaabachuu qaba. Kanaaf erga bara kufaatii mootummaa impeeriyaalaatii kaasee amantiin mootummaa waan hin jirreef, amantiin mootummaa irraa adda ba’eera, garuu dhiibbaan haftee isaa ammayyuu ni jira. Kunis barreeffama ani deebii keennaafii jiruuf hamma tokko sababa. Erga kufaatii mootummaa impeeriyaalaatii asitti mootummootni dhufan hanga tokko kan bilisummaa kennanii fi gama isaaniitiin amantii hundumaa kan walqixxeessan fakkaatu. Haa ta’u malee hundumti isaanii rakkoo mataa isaanii ni qabu. Mootummaan sooshaalistiin/dargiin/ yaada amantii mootummaa jedhu balleessee, lammii hundumaa kan amantii hin qabne gochuudhaaf waan danda’u yaaleera, qabatamaatti ilaalchi mootummaan amantiidhaaf qabu jibbaa waan tureef, amantiin mootummaadhaan jaallatamu hin turre. Kufaatii mootummaa sooshaalistii/dargii/ booda mootummaan Addaa Deemookraatawaa Warraaksa Uummatoota Itoophiyaa (ADWUI) heera mootummaa kan addaan ba’iinsa mootummaa fi amantaatti amanu raggasise. Yeroo kana yaadni amantaan mootummaa hin jiru, ilaalchi jibbaa kamiyyuu kan amantii fi gocha amantii balaaleffatu hin jiraatu jedhuu fi dhaabbilee amantii fi hordoftootaa isaaniitiif kan bakka kenne fakkaatee ka’e. Haa ta’u malee, karaa al-kallattiitiin yeroo harki dhaabbilee amantii karaa garee addaa addaatiin dhimma mootummaa keessatti hojjetan ni mul’atu. Daangaan ifa ta’e kaa’ameera, garuu dhaabbileen amantiis harki mootummaa dhoksaadhaan dhaabbilee amantii dadhabsiisuuf akka hojjetu ni dubbatu.

      Yoodhuma daangaan amantii fi mootummaa gidduu jiru gama lamaaniinuu gidduu seenameyyuu, yeroo ammaa kana wal qixxuummaa amantii ilaalchisee waan fooyya’aatu jira. Mootummaan addaan ba’iinsa amantaa fi mootummaa hojii irraa oolchuu fi harka isaa dhimmoota amantii keessaa baafachuudhaaf, itti gaafatamummaa guddaatu irra jira.  Mee fakkeenyota haala itti mootummaan dhimmoota amantii keessaa seenuu fi mirga amantii kabajuu irratti itti kufee fi heera biyyatti cabsu haa ilaallu. Fakkeenyota kanneen kanin kaasuu barbaadeef, sababoota mormii mootummaatti ka’anii fi yaada amantii dirree siyaasaa keessaatti ka’aniiti jedhee waanin amanuuf. Dhaabbileen amantii balaa amantii keessaa harka qabaachuu mootummaa hubatan, akkasuma ammoo dhaabbileen amantii kanneen ka’uumsaa fi fedhii mootummaa sodaatan mootummaadhaan hin morman, faallaa kanaa karaa addaa addaatiin murtii mootummaa irratti, akka dhaabbata isaaniitii fi amantoota isaaniitiif ni ta’a jedhanii yaadanitti dhiibbaa uumuu yaalu.

      Sababota gurguddoo  motuummaan dhimma filannoo geggeessitoota amantii keessa seenuuf keesssa muraasni iddoo aangoo kessaattuu amantiilee  lamaan Ortodoksii fi Islaamummaa keessatti argachuu fi  hordoftota baa’ees hedduummeeffachuufii dha. Hordoftoota amantii lamaanii baayyee biratti yaadni muudamni geggeessitoota amantii bifa siyaasawwaa qaba jedhu jabaatee mul’ata. Warraqsi keessoo hedduun sababa harkaa mootummaa dheeraa, garuu hin argamneetiin yeroo dheeraadhaaf bu’uureffame har’allee  mul’atuutiin ka’ee jira. Gidduu galuun mootummaan dhimmoota Islaamummaa keessatti godhu mormii uumatni dhimma kanaan mormuuf godhuun ibsamuu ni danda’a. Naannoo barkumee Itoophiyaatti mootummaan wantoota harka keessa galfachuu eegalee, fageenya hedduu deemuudhaanis barsiisa Islaamummaatti barsiisaa haaraa fidee yaada ‘Ilaalcha Ahibash’jedhuun Imaamotaa fi geggeessitoota amantii cuuphuu yalee jira. Akkaasumas mana amanataa Ortodoksii keessatti harka isaa al-kallattiitti fayyadamuudhaan namoota mana amantaa kanneen dhimmaa mana amantaa isaanii fi duuka buutota isaanii caalaa dhimma mootummaa dursisiisan fayyadamuun dhimma mana amantaa Ortodoksii keessaas seenuu isaatiif ni hadheeffama.

      Fakkeenyi inni biraan, dhaabbilee barnootaa keessatti waaqefachuu dhorkuudhaaf labsii to’annuu mootummaan baaseedha. Kana ilaachisee yeroo garaa garaatti mormiin hordoftoota amantii garaa garaatiin taasifamaa ture, keessumatti iyyuu hordoftootni amantii Islaam labsiin ba’e kan barsiisa amantii Islaamaa dhaabuudhaaf godhameedha jedhanii waan yaadaniif, hedduu balaaleffachaa turan. Akkasumas, mirga barattoota hordoftoota amantaa Ortodoksii daangessuuf wanti godhame ni jira. Kunis, yeroo laguutti akkaataa sagantaa laguutti barattootaaf nyaata dhiyeessuu dhiisuu. Kanaa fi fakkeenyotni kanneen biroo seenaa keenya dhiheenya kanaa keessaa fudhatamuudhaan mootummaan seeraa addaan bahiinsa amantaa fi mootummaatiiin kan bulu ta’uu isaa gaaffi jala galchuu danda’u. Seenaan keenya dhiheenya kanaa kan nutti himu, gareeleen sabaa soda balaa fi dhabiinsa walqixxummaa akka dhuunfaatti fudhatanii ofii isaanii akkaataa sabummaa isaaniitti ijaaruudhaan haqa dhabdummaan mormu, haala kanaan dhaabbileen siyaasaa amma keessa jirru uumaman.

      Akkan amanutti ilaalchii fi deebiin dhiheenya kana amantii iddoo tapha siyaasaa gochuu kun sodaa harka mootummaa karaa sirrii hin taaneen dheeratee fi mala ittiin bilisummaa amantii eeguuti. Garuu akka lammiin miira miidhaa kam irraa eegamuu qabaatuu gochuu fi bilisummaa amantii fi mirgoota dhala namoomaa kam iyyuu eegsisuun dirqama mootummaa ture.

      Walumaa galatti barreeffamni kun barreeffama Mihiretiin barraa’een mormuuf osoo hin taane, isuma sana karaa biraatiin ilaaluuf. Shaakala addaan bahiinsa amantaa fi mootummaa jabeessuun barbaachisuun shakki tokkollee hin qabu. Addaan bahiinsa mootummaa fi amantaa  kana kallattii sirrii ta’een hojii irraa oolchuudhaaf, seerichi kallattii lamaaniin(mootummaa fi amantii, amantii fi mootummaa) gidduu jiraachuu qaba. Caalaadhumatti ammoo ofii isaa dhimmoota amntiitiin ala taasisuudhaan addaan bahiinsa amantii fi mootummaa tiksuuf dirqama kan qabu mootummaadha. Dhaabbatni amantiis akkasuma dhimmoota mootummaa keessa seenuu dhiisuu qabu. Yoodhuma gareeleen amantaa dhimmoota mootummaa keessa seenuudhaaf kan yaalan ta’e, mootummaan gidduu seeniinsa amantaa akkasiitiin lakkii jechuuf aangoo qaba.

      Kanaaf, itti gaafatamummaan dursaa mootummaan addaan bahiinsa amantaa fi mootummaa tiksuuf gochuu qabu jala sararamuu qaba jedheen amana. Akka yaada barreessituu kanaatti mootummaan kana godhuudhaaf heera mootummaa haaraa baasuun osoo isa hin barbaachisin heeruma jiru hojii irra yoo oolche ga’aadha.

      Caasaaleen haaraa fi kanneen duraas kan amantiin akka dhimma mootummaa keessa seenu godhan karaa seera qabeessaan cufamuu qabu. Akkasumas hamma sodaa fi yakki nama amansiisu tokko hin jiraannetti, mootummaanis amantii fi gochoota amantii keessa seenuu hin qabu.

      *Urjii Bisoo Yuunibarsitii Haroomaayyaa, Kolleejjii Seeraatti gargaartuu Lekchereraa fi Yuunibarsitii Addis Ababatti/Finfinneetti/barattuu LLM ti.

      Yaadachiisa Maxxansaa: gumaachi kun qaama seeneffama dhaabbatni CARD dargaggoota Itoophiyaa gidduutti marii beekumsa irratti bu’uureffame jajjabeessuuf maxxansiisuuti. Isinis yoo gumaachuu barbaaddan yookaan barreeffama kanaaf deebii kennuu feetan, adaraa karaa iimeelii kanaa barreeffame keessan nuuf ergaa: info@cardeth.org.

Viewing 0 reply threads
Reply To: Addaan Bahiinsa Mootummaa fi Amantii Dhugoomsuun Dirqama Eenyuuti?
Your information: