Adeemsa Hawaasa Hammataa ta’e Uumuu

Home Forums Waltajjii Dargaggoota Adeemsa Hawaasa Hammataa ta’e Uumuu

  • This topic is empty.
Viewing 0 reply threads
  • Author
    Posts
    • #3648 Reply

      Abdulfattaah Moohaammad Farahaatiin*

      Itoophiyaan biyya sabaa fi sablammootaa ta’uun ishee waan nama hin falmisiisne dha. Biyya Itoophiyaa keessa jiraachuun saboota bicuu qabatamaan waan mul’atuu dha. Akka biyyaatti yookaan sadarkaa fedeeraalaatti sabni caalmaa yookaan irraa guddaa ta’e hin jiru garuu sadarkaa mootummaa naannootti saboonnii bicuu fi saboonnii irraa guddaa ta’an jiru.

      Sirni mootummaa fedeeraalawaa Itoophiyaa saboota bicuu naannoo daangaa mataa isaanii qaban  aangeessuudhaaf kan hundeeffameedha. Adeemsaa fi sababa kanaan saboonnii gurguddoo mootummaa mataa isaanii fi heeraa ittiin bulmaata ofii isaanii tolfachuu danda’aniru. Mootummoonni naannoolee muraasni sabummaa isaanii irratti hunda’uun hundeffamaniiru, kannen keessaa Oromiyaa, Amhaara, Tigraay, Suumaalee, Affaar, Haraari fi yeroo dhiyootti kan hundeeffame mootummaa naannoo Sidaamaa dabalata. Karaa biraan immoo haala siyaasaa, dinaagdee, qubsuma teessuma, aadaa fi Afaan irrattii hunda’uun mootummoota naannoo ijaaraamani dha, kanneen keessa immoo Sabaaf sab-lammoota Ummattoota kibbaa, Beeniishaangul-Gumuzii fi Gambeellaa mootummolee naannoodha. Haa ta’u iyyuu malee, ergaa fedeeraaliziimiin sabummaa irratti hunda’e hojii irraa oolee kaase, bicuummaan gosti lamaa uumamuu danda’eera. kunis saba-bicuu dhalatoo fi saba-bichuu alaa dhufoo  dha. Mootumoota naannoolee kannneen keessatti, saba-bichuu alaa dhufoo fi saba-bichuu dhalatoon uumamuu danda’anniru. Saboonnii gosa lameenuu haala fi adeemsa garaagaraan mula’achuu danda’aniiru.

      Haaluma  kanaan,Tsaggaayeen barruu isaa,”Garee saboota bicuu fi gaaffii hirmachiisummaa/hammattummaa hawaas-siyaasaa biyyaa Itoophiyaa keessaa” jedhu keessatti rakkoo hawaasaa fi siyaasaa saboota bicuu dhalatoo fi alaa dhufoo irra gahaa jiru kaasera. Haa ta’uu iyyuu malee, hamma ta’e barruun isaa gaarii ta’us, yeroo sababoota rakkoo hawaasummaa fi siyaasaa saboota bicuu irratti mudatan ibsu, wantoota ilaalamu qaban otoo hin ilaaliin darbeera. Kanaafuu, barruu koo kana irratti wanta inni katabee falmuuf otoo hin taane, wantoota xuqamuu qabaan otoo hin tuqiin bira darbe dhimma saboota bicuu kana ilaaluu fi deebii qubsaa ta’e kennuu fikallattii adda ta’een dhimmicha ilaaluu dha.

      Saboota bicuu hammachuu/ hirmaachisuu Itoophiyaa keessatti dagaagsuu

      Osoon gulantaa inni barruu isaa keessatti waa’ee saboota bicuu addeesse fudhadhuu, barruu koo kana keessatti, yaada gahaa, barbaachisummaa fi beekamtii guddaa hirmaachisummaa hunda-galeessa ijaaruu irratti, keessumaa dhimmaa saboota bicuu dhalatoo fi alaa dhufoo biyya Itoophiyaa keessa irratti xiyyeeffadhee baballisuun barbaada. Hirmaachiisummaa/hammannaa hawwaasummaa biyya keessaa dagagsuu, kaka’umsa karaa adda addaan lafaa kaa’uun barbachiisa dha. Keessumaa ijaaraamuu fi jijjiiramu karaa dinaagdee, Aadaa, Hawaasummaa fi Siyaasaa hedduu barbaachisoodha. Kaka’umsi kunniin immoo tarsiimoo sadarkaa garaagaraa hammatummaa hunda-galeessa ta’een hundeeffamu.

      Dhimma saboota bicuu dhalatoo, sadarkaa biyyaatti yookaan fedeeraalaatti saboonni bicuu mirga ofiin of bulchuu sadarkaa naannoo yookaan sadarkaa naannoo gadii, sadarkaa Godinaa fi Aanaa Addaatti mirga ofiin of bulchuu ni goonfachiisa. Sabaa fi Sab-lammoonni naannoo mataa isaanii qaban mirga isaanii sadarkaa mootummaa naannoo karaa dhaabbatoota adda addaa, keessumaa karaa kaawinisilii mootummaa naannoo fi bulchiinsa itti fayyadamu. Dhaabbatootni kunneen ammoo irra caalaatti namoota saboota danummaa qaban keessaa dhufaniin to’atama. Bifa kanaan sabootni bicuu dhalatoon murtii siyaasaa fi diinagdee sadarkaa naannootti kennamu keessatti hirmaannaa xiqqaa qabaatu, kun ammoo sababii hammatamuu dhabuu isaaniitiin.

      Sadarkaa biyyaatti, sirni mootummaan fedeeraalaa Itoophiyaa, gaaffi dhimma hirmaachiisummaa saboota bicuu keessoo dagaagsuuf  sadarkaa fi caarraa bakka bu’umsaa saboota bicuu  guddisuuf manneen maaree paarlaamaa lamaan irratti akkaataa addaa addaatiin bakka bu’umsa goonfachiisa. Sadarkaa inni tokko, bakka bu’umsa sabaa fi sab-lammoonni gulaantaa mana maree federeeshiiniitti qabaniidha. Bakka bu’umsa saboota bicuu keessoo sadarkaa Federeeshiinii kanaa irratti, saboonni bicuu keessoo/dhalatoo caarra seera tumuu, immaammata uumuu, hordofuu fi hojiirraa oolmuu irratti  sadarkaa mootummaa fedeeraalaatti kan hirmaachisuudha. Heera FDRE Itoophiyaa keessatti, sadarkaa lammaffaan, haalli ittiin bakka bu’umsa saboota bicuu keessummeessan sadarkaa fedeeraalaatti, saboota bicuu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummattoota (House of Peoples Representatives, HPR) hirmaachisuudha. Akka ittiin bulmaata biyyatti, saboonni bicuu kun yoo xiqqaate teessoo digdama argachuu qabu, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummattootaa keessatti (HPR).

      Adeemsi kun daandii sirrii irraa ta’uu iyyuu, angeessuu saboota-bicuu keessoo, deeggarsi addaa dinaagdee, aadaa, amantii hawaasummaa fi siyaasaa isaanii tumsu bayyee barbachiisa. Kanaafuu warri imaammata baasan sadarkaa naannoo fi biyyaatti, saboota bicuu keessoo bu’ureeffachuu qabu. Siyaasa hunda-galeessummaa ijaaruu, hirmanna ifaa fi adeemsa murtoo gaggeessuu fi imaammmata baasuun, aangeessuu saboota bicuu keessoo irratti gahee guddaa qaba. Kana ilaalcha keessa gachuun baayyee barbaachiisaa dha.

      Karaa biraan immoo, dhimmi garee saboota bicuu alaa dhufoo, sirnaa federaaliizimii sabootaa faana wal-qabatee dhimma hiree ofiin ofiin murteessuu saboota bicuu keesssootiin wal qabatee rakkoo wal xaxaa uumeera. Sababni rakkoo kanaas daangaa saboota mirga ofiin of bulchuu argatanii fi daangaa mataa isaanii qaban keessa saboota alaa dhufoo hedduutu waliin jiraata waan ta’eef.  Saboonni bicuu sababoota seenaa fi sochii kallattii hedduutiin dhalli namaa taasisuun naannolee garaagaraa keessa jiraatu.  Haa ta’u iyyuu, naannooleen tokko tokko  saboota bicuu alaa dhufoo kanaaf beekamtii hin kennan. Naannoleen kaan immo beekamtii  ni kennuuf garuu bakka bu’umsa hin kennaniif. Haaluma kanaan, sabootni bicuu alaa dhufoo kun dhimmoota bal’oo murtoo syaasaa, dinaagdee fi hawaasummaa  keessatti mirga  hirmaachuu dhabuudhaan sadarkaa garaagaraa irratti hacuuccaan, sarbama mirga fi balaleeffannaa hawaasummaa irra gahaa.

      Yeroo dhiyoo asittii, yaaddoo sirna fedeeraaliizimii irratti uumamaa jiruu fi nurraa gahaa jiru ilaala jirra. Yaaddoon kunis mirgaa ofiin of bulchuu saboota keessoo fi mirga rakkoo tokkoo malee sosocha’uu saboota bicuu alaa dhufoo fi sosochii kaappitaalaa fi qabeenya isanii bifa madaalawwaa qabachiisuu irrattiu mudataa jiruudha.  Naannoo irraa ari’uu fi balaaleffachuun saboota bicuu alaa dhufoo irratti naannolee akka Oromiyaa, Sabaaf Sab-lammoota fi Ummattoota Kibbaa, Amhaaraa, Sumaalee, Gambeellaa, Beeniishanguul Gumuz fi kannen kanaa fakkaataan keessa jiru biyyattiin akka biyyaatti itti fufuudhaaf soda itti uumaa jira.

      Hirmaannaa hawaasummaa uumuuf, nama hundumaaf carraa dhimmoota garaa garaa irratti murteessuuf hirmaachuu mirkanneessuun baayyee barbaachisaadha. Hirmaannaan siyaasaa carraa saboota kamuu dhimma isaanii irratti akka hirmaatan ni godha. Akkasumas rakkoo isaan miidhu irratti sagalee qabatu. Mootummaan naannoolee rakkoo saboota bicuu irra gahuu, rakkoo karaa siyaasaa, hawaasummaa fi dinaagdee, dhaabbootaa fi waajjiraalee isaanii fayyadamanii furuu fi jabeessuu danda’uu. Fakkeenyaaf, bakkaa bu’oota garee sabootaa hundumaa keessaa caasaa mootummaa keessatti mirkaneessuun kallattii mootummaa hunda galeessaa fi bakka bu’ummaa qabu uumuuti. Dabalataan immoo, hirmaannaa siyaasaa sabootaa ol guddisuun gahee imaammataa bochuu fi raggaasisuu dandeesissuu kallattii hawwaasa biraan ittiin gaa’amuudha.

      Kallattii ittiin Hirmaachisummaa/hammattummaa Hawwaasummaa Ol-guddisuun Danda’amu

      Adeemsi hawaasa hirmaachiisaa/hammataa ittiin ijaaruun danda’amu kallattii hedduudhaan. Kunis kan galma ga’uu danda’u,  carraaqqiii mootummaa fi uummatni miseensa hundaaf kallattii hundumaan( siivikii, haawwaasummaa, diinagdee, gochoota siyaasaa fi hirmaannaa murtee kennuu)  hirmaachuuf carraa walqixa kennu qofaan mirkanaa’a.

      Yeroo dheeraaf namoonni baayyeen dhimma hirmaachiisummaa kana karaa adda adda ta’een foyyeessuu akka danda’amu addeessaniiru. Anis barruu koo kana keessatti haala rakkoo kanaa furuuf  kallattii xiyyeffannoo sadii kaa’uu yaaleera. Furmatoonni kunniinis mirga saboota bicuu kabajuu fi kabachiisuu, mirga siyaasaa saboota bicuu eegsisuu fi aangessuu saboota bicuu yookaan aangoo qooduu dha.

      Hirmaannaa hawaasuummaa ol-guddisuu saboota bicuu keessoo fi alaa dhufoo kabachiisuudhaaf, mirgi saboota bicuu fi lammiilee dhuunfaa heera mootummaa federaalaa, kan naannoollee, keessatti akka bakka argata taasisuudha. Akkasumas dhaabbilee mootummaa fayyadamuudhaan hojiitti hiikuu fi sirna mana murtii jabaa qabaachuu feesisa.

      Mirga saboota bicuu kabajuun wal-qabatee, waantootni mula’achaa jiran abdi namatti horu jiru, keessumaatti boqonnaa lamaffaa, keyyata 8-12tti fi fi keeyyeta sadaffaa ittin bulmaataa FDRE irra wantootni jiran. Haa ta’u iyyuu malee, ammas hojiitti hiikuu irratti waan xiqqootu dalagame. Bilisummaa siyaasaa fi siivilii hojiirra oolchuudhaafis fedhii siyaasaa xiqqaatu jira. Kanaafuu, hirmaachiisummaa hawaasa saboota bicuu ol guddisuuf dhaabbilee fi waajjiraalee walabaafi bilisa ta’an ijaaruun baayyee barbaachiisa dha. Akkasumas mirgoota namummaa lammiilee hundaa, keessattuu kan saba bicuu hojjiirra olchuuniifi kabaachisuun biyyattii keessatti baayyee barbaachisaadha.

      Tooftaan inni  lammaffaa immoo, mootummaan federaalaa saboota bicuu keessoo fi alaa dhufoo bakka namootni danoomina sabaatiin aangoo qabatanitti miidhaa fi loogii kam irraa akka  eeguu ta’uu akkaa danda’utti aangomsuudha. Heerri mooutummaan fedeeraalaa fi mootummaan naannoolee mirgoota saboota bicuu keessaa fi alaa dhufoo ni heera ta’a, rakkoon guddaan mul’atu garuu sabni danumaadhaan dhaabbilee siyaasa mootummaa to’atan mirgoota kana kabachiisuudhaaf fedhii siyaasaa dhabuu isaaniiti.

      Falli inni dhumaa immoo, aangoo hiruu fi mirga of danda’uu daanga-maleessa saboota bicuuti. Bakka rakkoon hammaataa cunqursaa fi balaaleffannaa saboota bicuu jirutti, aangoo qooduu fi of-danda’uu danga maleessa, saboota cunqurfamaniif furmaataa rakkoo keessaa bahan saaquu danda’a. Akkaataan caasessuu aangoo qooduu kun, aangoo fi daangaa saboota danuu ofiin of bulchanii fi saboota bicuu gidduutti akka qabeenya walootti ilaaluudha. Kanaanis cunqursaanii fi balaaleeffannaan saboota bicuu ni foyya’aa. Gamaa biraatiin, of danda’uun daanga-maleessi  carraa siyaasaa fi aadaa guddisa saboota bicuu bifa mirga ofiin of bulchuu saba danuus utuu hin miidhin ni kabaja.

      *Abdulfattaah Mohaammad Faraah Yuunivarsiitii Jigjigaatti barsiisaadha.

      Yaadachiisa Maxxansaa: gumaachi kun qaama seeneffama dhaabbatni CARD dargaggoota Itoophiyaa gidduutti marii beekumsa irratti bu’uureffame jajjabeessuuf maxxansiisuuti. Isinis yoo gumaachuu barbaaddan yookaan barreeffama kanaaf deebii kennuu feetan, adaraa karaa iimeelii kanaa barreeffame keessan nuuf ergaa: info@cardeth.org.

Viewing 0 reply threads
Reply To: Adeemsa Hawaasa Hammataa ta’e Uumuu
Your information: