Barbaacha Carraa jeequmsa ji’oo-polotikaalii keessaa

Home Forums Waltajjii Dargaggoota Barbaacha Carraa jeequmsa ji’oo-polotikaalii keessaa

  • This topic is empty.
Viewing 0 reply threads
  • Author
    Posts
    • #4220 Reply

      Barreessaan, Rabbumaa Dajanee*

      Dhiheenya akan, Hagoos Gabiraamalaak barruu isaa “Itoophiyaa gaaga’ama ji’oo-polotiksii keessatti” jedhu maxxansiisee ture. Barruun kun yaada namaa kan hawwatu dha. Akkasumas gumaacha gaariifi wal falmii yeroo ammaa biyya Itoophiyaa irratti ta’aa jiruuf fuul-dura Itoophiyaan wal dorgommii ji’oo polotikalii haaraa ta’aa jiru keessatti qabdu irratti gumaacha qaba. Barruun isaa kun hundee yaada “Itoophiyaan gaaga’ama ji’oo polotikaa keessa jirti, adeemsa keessa barbaachisummaa Itoophiyaan ji’oo polotiksii keessatti qabdu kufaa jira” jedhu irratti hunda’a. Haala amma Itoophiyaan keessa jirtuun, Itoophiyaan rakkoo siyaasaa, gaaga’ama dinagdee fi hariiroo aduunyaa isheen qabdu rakkoo keessa jirachuun isaa waan nama wal-gaafachiisu miti. Haa ta’u iyyuu malee, xiinxala bayyee madaalawaa ta’e seenaa irratti hundaa’ee fi xiinxala hundee gadi fageeffate baayyee barbaachiisaa dha. Barruu isaa keessatti, Hagos haala gaarii ta’een rakkoo siyaas-dinagdee Itoophiyaan yeroo dhiyoo asitti hubamaa jirtu, yeroo sosochii mormii diddaa bara EPRDF irraa ka’uun dhiyeessa. Dabalataanis wal dorgommii ji’oo polotikaalii addunyaa fi jeeqamuun tasgabbii addunyaa, Itoophiyaan akkaa rakkoo keessoo fi alaan jeeqamtu godheera. Barreesichi haala gaarii ta’enii fi sirrii ta’een rakkoo biyyattiin keessa jirtu ibseera. Rakkoo Itoohpiyaan keessa galte beekumsa, ciminaa fi wal-danda’uu guddaa barabaada.

      Haa ta’u iyyuu malee, xiinxala isaa irratti sababoota afuurifan walii hin galu. Kan Jalqabaa, yeroo inni fudhatee dhiyeessee fi yaadni isaa seenaa irratti hin hundoofne dha. Yaadni isaa baayyyeen taatee yeroo dhiyoo irrattti hundaa’a. Sababni lammaffaan immoo, barruun isaa kufaatii ji’oo polotikaalii Itoophiyaa baayyee seenessuu irratti mormii ka’uudhaani. Yaadi mormii sadaffaa immoo, yaada inni riqicha guddaa abbayyaa irratti kaasee dha. Yaadni isaa kun rakkoo xiinxalaa qaba. Barruun isaa kun odeeffannoo haala sirrii hin taaneen fayyadameera. Akkasumas yaadota sadarkaa ilaalamuu qaban irratti hin ilaalle. Qabxiin arfaffaan immoo, xiinxala inni godhe keessumaa hariiroo Chaayinaa fi Ameerikaan garaIitoophiyaa fi Gaanfa Afrikaa godhani dha.

      Gara mormii jalqabaa kootti yeroon dhufu,  barreessicii taatee yeroo dhiyoo fi amma ta’aa jiran irratti bal’inaan fuulleffata. Taatee yeroo dhiyoo fi odeessaalee yeroo dhiyoo irratti hundaa’uun, qorannoo ji’oo-polotikaalii Itoophiyaan sadarkaa biyya keessa, sadarkaa naannoo fi sadarkaa addunyaan keessa jirtu qorata. Eyyee kana irratti nan walii gala.Taatee ammaa hubachuun nu barbaachisa jijjiirama siyaas-diinagdee fi ji’oo-polotiksii rakkoo keessa galchaa jiru. Haa ta’u iyyuu,  rakkoo ammaa ta’aa jiru taatee seenaa keessatti godhanii dhiiyessuu dhabuun  rakkoo guddaa fiida, gumaacha taateewwan darban dhiimma keessaa fi dhimma alaa ji’oo-polotikaaliin jijjiirama Itoophiyaa fi Gaanfa Afriikaa keessatti godhoon yeroo ilaallu. Muuxannoon bara 1960 -1970 fi gara jalqaba bara 1990 daandii hubannoo xiinxala siyaasaaa fi hubannoo keennaa, seenaa biyyattii irratti hundaa’uun xiinxala guddaa kennun akka waan dhumaatti fudhatamuu dhiisuun ni danda’ama. Rakkoon Itoophiyaan yeroo ammaa fi gaaga’amni siyaasaa biyyattii seenaa wal-xaxaa biyyattiin ittii hundooftee fi rakkoo wal-qabataa sana booda uumaman, keessumaa baroota kan1960tiin walqabata. Sabboonummaa saboota, sababoota waraanaa fi walitti bu’insa, harka keessa galafaannaa qaamota alaa, gaaffii diimokirasii, nageenyaa fi guddina waantota seenaa haaraa Itoophiyaa keessatti argamani dha. Kanaafuu, akka ani amanutti ,qorannoon ji’oo-polotikaalii  Itoophiyaa waantoota seenaa keessatti ta’anii fi seenaa dhiibbaa godhan hin hammanne nama dogogorsa.

      Qabxiin lamaffaa barruun barressichaa itti fuulleffatu, ilaalcha barbaachisummaan Itiyoophiyaan ji’oo-polotikaalii keesssatti qabdu kuufaa dhufaa jiru jedhu dha. Barbachisummaan Itoophiyaa ji’oo-polotikalii keessatti qabdu kuufaa jira jedhu kun waanta gaaffii baayyee namatti kaasuudha ibsa isaa caalaa.Yaadi barreessichi Itoophiiyaan barbaachisummaa ishee ji’oo-polotikaalii keessatti qabdu kufaa jira jedhu walitti bu’iinsaa fi wal-waraansa biyyattii keessassatti ta’aa jiruufi rakkoo diinadgeen biyyattiin keessa ta’aa jirtu bu’uureffateetu kan inni famlii taasisu.. Tarii yaadi kun akka sadarkaa biyyatti yaada bali’inaan ka’aa jiru dha. Garuu rakkoon taatee amma irratti hundaa’uun xiinxala keeninu kun dhiibbaa seenaa irratti fiduu danda’a. Seenaa gara fuul-duuraa jiru jijjiiruus danda’a. Haa ta’u iyyuu, dhiyeessi yaadaa kun yaadaa fi seenessa gama biraan ta’aa jiru ilaalcha keessa galchuu hin dandeenye. Barbaachisummaan Itoophiyaa ji’oo-istiraateejii Afriikaa keessatti qabdu itti fufeera, jajjabinni hawaasaa, dandeettii of sirreessuu fi adeemsi rifoormii of godhuu, utubaa yaadaa qabdu, dandeettii diinagdee qabdu, baayyina uummataa qabdu, adeemsa seenaa keessatti qabduu fi waantoota seenaa keessatti kuufattee qabduu fi sadarkaa dandeettii dipiloomaasii qabdu, fuul duraa ji’oo-polotikaalii biyyattii waantoota murteessan keessaa dha. Qabxiin as irratti dagatamuu hin qabne, rakkoo Itoophiyaan keessa galtee fi keessa jirtu dagachuun miti garuu ilaalcha itoophiyaan ji’oo-polotiksii keessatti kufaa jirti jedhu ilaalcha jabaa fi bal’aa taa’een dhiyeessuuf. Dubbisaa Roobertii D.Kaaplaanii seenaa gam-tokkee dubbisuu isaa walii galuu baadhus barruu isaa fooreyiin poolisii irratti barreesseen waliin gala. Innis maal jedhe barruu isaa fooreyiin poolisii irratti,”kuufaatii Itoophiyaa hubachuuf, Itoophiyaa akka ji’oogirafiitti, akka aadaattii fi siyaasaatti, addummaa isheen qabdu hubachuun barbaachisaadha” jedha.

      Qabxiin biraa barreessichi kaase, qabxii baayyee nama dogoggorsu inni riqicha abbayyaa irratti kaasedha. Yaadni barreesssichi barruu kana irratti kaase yaadaa rakkoo xiinxalaa fi gudunfaa dogoggoraa irratti nama geessudha. Barreesssichi gahee dhabattoota addunyaa kan akka Woorliid Baankii fi Inteernationalii Moonitaryii Fand akka adeemsa taaktiik bulchiinsa doonaaldi Tiraampitti kaasuu isaati. Haa ta’u iyyuu malee, mootummonni Itoophiyaa bulchan hundinuu dhiimma riqicha Abbaayyaa irratti maallaqa gargaarsa alaa kamuu akka hin barbaanne addeesaa turan, kun immoo otoo ijaarsi gudddaan Abbayyaa hin jalqabiin dura. As irratti hubachuun kan nu barbaachisu, loogii bulchiinisi Doonaldi Traampi dhimma hidhicha guddaa Itoophiyaa irratti godhedha. Garuuu immoo bulchiinisi Jooy Baayideen dhuufuun wal qabatee fooreyin poolisii Ameerikaa jijjiiramuu isaati. Jijjiiramuu fooreini poolisii Ameerikaa immoo deeggarsa maallaqaa bulchiinsaa tiraampi itoophiyaa irra kaahe, bulchiinsi Baayideen kaasuuf jedhudha. Adeemsi Bulchiinsi Jooy Baayideen kun immoo loogi-malessummaa fi niwituralitti mootummaa Ameerikaa hidhaa Abbayyaan wal-qabatee jiru agarsiisa. Xiinxila jabaa fooreyinii poolisii fi siyaas-diinagdee fi daantaa yeroo dheeraa Itoophiyaan laga Naayil  irratti qabdu, riqichi guddaan Abbayyaa gahee guddaa diinagdee qaba, rakkoon alaa dhufu jiraatu iyyuu. Yaadota kanneeniin, rakkoo naannoo ammaa fi dhimma riqicha guddaa Abbayyaa akka sababa kuufaatii ji’oo-polotikaalii Itoophiyaa gumaacheera jedhu kun ilaalcha hundee hin fageeffannedha. Faayidaa jidduu galeessaa fi yerooo dheeraa riqichi Abbayyaa Itoophiyaaf fidu daantaa Itoophiyaa irraa caalaa kabachiisa akkasumas fida, rakkoo dhimma riqichaan walqabatee ka’uu hedduu caalaas fayidaan isaa madaala guddaa kaasa.

      Dabalataanis barreessichi barruu isaa keessatti yaadaa kenne irratti akkas jedhee ture,”Itoophiyaan dantaa ji’oo-polotikaalii Gibxii  fi Ameerikaa dhimma laga Naayilii irratti beekamtii keenuu qabdi. Yaadi isaa kun waan lafaa irratti ta’uu danda’u miti. Itoophiyaan dhiimma hayidiroo-dipiiloomasii hidhichaa guddaa Abbayyaa fi laga Naayilii irratti gumaacha guddaa taphachaa jirtu. Dipiloomasii dhimma laga Abbayyaa irratti gochaa jirtuun immoo dantaa biyyoota kaanii giddu-galeessa gochuudhaan. Rakkoon dhimmaa riqicha Abbayyaa kan maddu dhimmaa diinagdee dhimma nageenyaa gochuu irraa madda. Dhimmi riqicha guddaa Abbayyaa dantaa Suudaaan, Gibxii fi humnootni addunyaa kam iyyuu laga Naayilii irratti qaban kamiin irrattiyyuu rakkoo uumu hin qabaatu.

      Dhuma irratti, dhimma Chaayinaa fi Ameerikaa irratti fooreyinii poolisii gamaa Itoophiyaa fi gaanfa Afriikaa  irrattii qaban barressichi yaadaa isaa kaa’ee ture. Ilaalchi barreessichi kaase kun ka’umsa isitiraateejiii yeroo dheeraa fi jijjiirama yeroo ammaa ta’aa jiruun yoo ilaalle waanti barreessichi jedhuun adda ta’ee ni argama. Akkaa Hagos jedhetti fooreyinii poolisiii Ameerikaa gaanfa Afriikaa fi Galana Diimaa irraa garaa Iyinidoo-Paaasifikitti jijjiiramaa jira jedha.Yaadaa isaa kanas akkas jedhee kaa’eera; “rakkoo ji’oo-polotikaaliin Itoophiyaa keessa jirtu irraa kan ka’e Itoophiyaan sadarkaa ji’oo-polotikaalii Ameerikaaf qabdu kuufaa dhufera, kana irraa kan-ka’een immoo Ameeriikan garaa Iyinidoo-Paasifikitti jijjiiraa jirti xiyyeeffannoo ishee”. Haa ta’u iyyuu, yeroo ammaa kanatti Gaanfi Afrikaa fi Galanni Diimaan barbachisummaan ji’oo-istiraateejii isaa akkuma itti fufedha, yaada miidiyaleen addunyaa maddisiisan moggaatti. Murtoon pireesidaant Jooy Baayideen dabarsan yeroo dhiyoottii fi ergama gaanfa Afrikaa haaraa muudan, dhimmaa Itoophiyaa keessoo irratti xiyyeeffannoo kennan, kayyoo loltoota gara soomaalii erguuf jalqaban, raayyaan Ameerikaa jibuutii keessa jiran fi kanneen biroo dabalatanii, barabaachisummaa ji’oo-polotikaalii naannichaa fi Itoophiyaa, barbachisummaa fooreyini poolisii Ameerikaa keessatti qaban agarsiisa.

      Yeroo gara Chaayinaa fi hariiroo Itoophiyaa faana qabdu dhufnu immoo, hir’achaa dhuufuu Chaayinaa liqaa Itoophiyaaf kennituu sababoota qeeqa warri dhiyaa kaasan fi dhimmaa Chaayinaa keessoo irraa ka’een, gad bu’aa dhufuus. Ammas deeggarsi maallaqaa Chaayinaan Itoophiyaaf kennitu ittuma fufeera. Akka Saaneey fi Sheehayii hubatanitti,”Itoophiyaan utuubaa Chaayinan taarsimoo Chaayinaa Beelit fi Rood Inishatividha. Yeroo ammaa kanatti dhabbileen ijaarasaa Chaayinaa dhibba afurIitoophiyaa keessa sosochii irra jiru, gara biiliyoona doolaara Ameerikaa afur ol ta’uun”.

      Bara 2021 keessatti, diinagdee waliin biyyoota lamaan gidduutti taa’nii, gara vooliyuumii 2.66 biiliyoona U.S. doolaara biyyoota lamaan gidduutti uumamuu daanda’ee ture. Chaayinaan mi’a dheedhii Itoophiyaa irraa hedduu galchitee ture, gara doolaara Ameerikaa miiliyoona 380 tilmamamu, waggaa garaa waggaa gara persantii 8.1 ol dabalaa adeemaa jira. Fooramii Fookasii Chaayinaa-Afrikaa baayyeee dabalaa dhuufeera, keessuumaa hariiroo Chaayinaa-Afirikaa fi Itoophiyaa gama biraan. Dabalaaa dhufuun hariiroo Chaayinaa fi Afrikaa barabchisummaa ji’oo-istiraateejii Afrikaa fi Itoophiyaa agarsiisa. Itoophiyaan biyya baayyee murtessituu istraateejii Chaayinaan Afrikaa keessatti qabdudha.

      Barruu koo kanaan qabxii koo afuuriin yaada koo kaaseen yaadaa hagos mormee, keesumaa dhimma hariiroo fi murteessitoota keessoo fi alaa ji’oo-polotiksii fi foreeyini poolisii akkasumas yaada kalattii gara fuula duraas nan kaa’a.

      Ji’oo-polotiksii fi fooreyinii poolisiin manatti jalqaba: Rakkoo Keessoo Itoophiyaaf dursa kennuu/ Jalqaba mana Itoophiyaa sirreessuu

      Barruu Hagos dhimma wal-waraansaa fi walitti bu’insa Itoophiyaa, dabalataanis gaaga’ama diinagdee fi rakkoo nageenyaa biyyattii mudachaa jiru fi jiraachuu biyyattii rakkoo keessa galchuu danda’a jedhu nan qooddadha. Kanaafuu hirmaachisummaa siyaasaa fi waliin-dubbachuun, rakkoo biyyattiin keessa galtee keessaa bahuu fi guddina biyyaa fiduun danda’ama. Richaard Haass kitaaba isaa,”fooreyini poolisii mana ofii jalqaba: jalqaba Mana Ameerikaa sirreessuu”,jedhu irratti, rakkoon guddaan Ameerikaa mudachuuf jiru rakkoo mana keessoo irraa ka’a jedha. Yaadni jabaa kun waanta rakkoo itoophiyaa furuuf ta’udha. Rakkoon guddaa Itoophiyaa rakkoo keessooti, rakkoo wal-waraansa, hiyyummaa fi jirachuu dhabuu dhabbattoota ciccimoodha. Rakkolee kanatu rakkoo Itoophiyaaf maddaadha. Otoo rakkolee kana hin furiin, Itoophiyaan rakkoo keessa bahuu hin dandessu, rakkoleen kunneen keessoo-alaa ittuma fufu. Kanaafuu mana ofii sirressuun waanta baay’ee barachiisaadha.

      Akka ani amanutti, itti fufiinsi Itoophiyaa akka sabaaf sab-lammoota, diimookiraatii fi ripuublikii feederalaa, akka barabchisumma ji’oo-polotikaalii tasgabbii fiiduutti. Milkaayina Itoophiyaa baroota lakkoofsise  eeguunii fi haaromsuun, bakkewwaan waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruun fi rakkoo COVID-19n dhufan furuun dirqama akka fuul-dura Itoophiyaa eegsisuuf murteessoodha. Kanaafuu Itoophiyaa tasgabbooftee fi guddatte qabachuuf, gaheen dipiloomaasii kamuu, ji’oo-polotiksii fi ijaarsa biyyaa kamuu rakkoo biyyaa keessoof haal-duree kennuu qaba.

      Istiraateejii itti fufee fi Deebisanii ijaaruu hariiroo Itoophiyaa Warraa Dhiyaa fi Chaayinaa wajjin qabdu jabeessuu

      Seenaa keessa taanee yeroo dubbannu, jalqabbii seenee Itoophiyaa haaraa kaasee, Warri Dhiiyaa taphattoota cimaa fi dhibbaa guddaa Itoophiyaa irraa geessisaa turan, dhimma keessoo irratti dhiibbaa guddaa fiidaa turan akkasumas naannoo ji’oo-polotiksii Itoophiya boca gochuu gahee guddaa taphachaa turan. Haa ta’u iyyuu, waraanni Itoophiyaa keessaa hariiroo Itoophiyaa fi Warra Dhiyaa rakkoo keessa galchee ture. Warri Dhiyaa poolisii dhiibbaa Itoophiyaa irra geessisu fiiduu danda’aniiru,qoqobbii diinagdee Itoophiyaa irra gahaniiru akkasumas hariiroo dipiloomaasii Itoophiyaa irratti dhiibbaa fidaniiru. Labsii mootummaan feederalaa waraana dhaabuu, sosochii gargarsa namoomaa garaa Tigiraayitti taasifamu fi adeemsa rakkoo keessoo karaa nagaan furuuf adeemsisamu, rakkoo dipiiloomaasii Itoophiyaan Warra Dhiyaa faana qabdu tasgabbessaa jira. Barbachisummaa istiraateejii Itoophiyaa Warra Dhiyaa biratti qabdu itti fufsiisuun baayye barbaachisaadha, dhimma ijoo fooreyinii poolisii Itoophiyaas ta’uu qaba. Dhimmaa qoqqobbii Warri Dhiyaa Itoophiyaa irra kaahan sirreessuun manneen hojii fooreyiini poolisii Itoophiyaa ta’uu qaba. Daandii sirrii irratti deebisuun hariiroo Itoophiyaan Warraa Dhiyaa faana qabdu bayyee barbaachisaadha, dantaa Itoophiyaa-Warra Dhiyaa kabachisuun.

      Furmaata giddu-galeessa barbaaduun, gaaffii warra dhiyaa dhiimma wal-waraansa Itoophiyaa, sarbama mirga namoomaa fi gargaarsa namoomaa bahachuunii fi rakkoo itti fufinsa Itoophiyaa ni fura. Dhiibbaan cimaa murna tokko irratti gaggeeffamu warra dhiyaa irraa yoo rakkoo biyya keessa jiru jabeessee fi rakkoo biraa keessa gashe malee furmataa fiiduu dhiisuu danda’a.

      Hariiroon Itoophiyaan Chaayinaa faana qabdu akkuma warra dhiyaa baayyee barbaachisaadha. Hariiroo siinoo-Itoophiyaa karaa diinagdee, inveestimantii, ijaarsa, siyaasa, dipiiloomatikii fi sekteroota kanneen biroo baayyee barbaachisaadha. Akka michuu jabaa Afrikaa Chaayinatti, Itoophiyaan sadarkaa addaa poolisii Chaayinaan Afrikaa keessatti qabdu keessatti argamti. Hariiroo jabaa Chaayinaa gama diinagdee, siyaasaa fi dipiiloomaasii qabdu ol-guddisuu qabdi. Akkasumas isitiraateejii jabaa baasuu fi hordofuu qabdi.

      Hidhichi Guddaa Abbayyaa Jijjirama Ji’oo-polotikaali inni Naannoo Laga Naayilitti Fidu

      Hidhaan Abbayyaa humna ibsaa maddisiisuu duwwaa miti gaheen isaa, tapha hyidroo-polotikisii naannoo saanaa kan jijjiirudha. Seenaa Ji’oo-polotikaalii naannoo sanaa keessatti gaheen hidha Abbayyaa taphatu fi hariiroo wal-utubuu fi waliin hojjachuu biyyootaa kan fiidudha. Akkasumas olaantummaa Gibxii kan dadhabsiisudhaa fi fayyadamummaa wal-qixxummaa biyyoota jidduu kan mirkaneessudha. Ijaa istiraateejiin ilaalu, Hidhaan guddicha Abbayyaa, Itoophiyaa madda humna ibsaa naannoo sanaa godha. Kun immoo walitti dhuufeenya biyyoota Ganfa Afrikaa fi kanneen biroo ni jabeessa, dagaaginsa. Hidhichi Abbayyaa kun dabalataanis xiinsamuu fi hafuura dargaggoota Itoophiyaa ni jabeessa.

      Dhufaa dhufuu humnoota jajjaboo baayyee fi Barbaachisummaa Ejensii Itoophiyaaf.

      Qabxiin biraan barruun koo kun kaasu dhimmaa dhufaatii biyyoota jajajabboo ta’aniidha. Dhuufatiin biyyoota kanaa carraa hedduu Itoophiyaaf fida, gama diinagdeen, dipiiloomaasii fi siyaasaa. Akkuman rakkoon biyyoota kanaa fanaa dhufuu danda’anis ni jiru. Yaadi koo kun waraana dilaalla’aa (cold war) lammeessoo akeekuu miti. Waraanni dilalla’aa, Wal-morkii fi wal-itti bu’insi yaada biyyoota jajjaboo addunyaa fi biyyoota jajjabachaa jiran,wal qoqodinsa fiduu danda’aan dantaa siyaas-diinagdee Itoophiyaa kamuu egsisuu hin danda’u. Dhimmi yuukiranii-Raashiyaa dhimmaa agarsiistuudha.

      Itoophiyaan jabinaa yookaan olaantummaa biyya tokkee addunyaa hin feetu yookaan wal-dorgomimi fayyaa hin qabne hin feetu. Kanaafuu akka ani amanutti, carraa humnoota wal-madaloo ta’aniin dhufuu danda’u kamuu fayyadamuun barbaachisaadha. Keessumaa akka Afrikaatti carraa diinagdee, Jijjiirama qilleensaa, dagaagina teekinoolojii, hariiroo dipiiloomaasii fi kanneen barbaachisoo ta’an fayyadamuun ni danda’ama.

      Fakkeenyaaf, erga Beejiing bara 2013 BRI beeksisteetii, hoggansa pirseedantii Zi Jiipingi, USA fi gamataan Awurroppaanotaa piroojekitii ‘buyilidii baak better inishiyativii’ fi ‘giloobal gatiweyi istiraateejii’ mata mataa isaanii fidaniiru. Adeemisi kun immoo carraa Afrikanootaaf fida, Itoophiyaa dabalatee jechuudha. Itoophiyaan carraa kana murna tokkoo duwwaatti otoo hin goriin guddina diinaagdee mataa ofii fiidachuu dandeessi. Afrikaan gama tokkoon duwwaa otoo hin gooriin carraa kana fayyadamuu dandeessi. Biyyoonni Afrikaa bu’uura rakkoo hawasuumaa isanii furachuu danda’u. Akkasumas rakkoo diinagdee fi bulchiinsa gaarii ta’e dhabbachuu danda’u.

      Walumaa-galatti, ijoon yaada koo, jijjiirama ji’oo-polotikaalii fi jeequmsa biyyaa keessoo, naannoo fi addunyaa akka waanta qofatti ilaalanii xiinxala keenuu fi akka jii’oo-polotikaaliin Itoophiyaa kuufaa jiruufi barbaachisummaan isaa hir’achaa dhufetti ilaaluun sirrii miti. Akka ani amanutti caarraan ji’oo-polotikaalii guddaa fi albuda istiraateejii ta’an fuul-dura Itoophiyaa fi Afrikaa bareechu jedheen amana. Carraa filachuu fi murtessuu daandii keenya irratti nu mudachu danda’u kun immoo dhiimma keessoo fi alaa keenya irratti dhiibbaa fiiduu danda’a. Kanaafuu rakkoo ji’oo-polotiksii keeessa ta’uun carraa keenya filaachuu fi barbaachuu qabna. Carraa Itoophiyaan qabdu rakko kana keessa taate hundaa ilaaluu fi barbaduu qabna. Rakkooma jiru kana keessaa ta’un, abdii kutaannaa ji’oo-polotikaaliin dhufu dhiisuun dargaggoonni biiyyattii fuul-duraa biyyattii abdiin ilaaluun fi hojiirra oolchuuf tattaafachuu qabu.

      *Rabbumaa Dajanee digirii jalqabaa isaa Saayinsii Siyaasaatiin fi Haariiroo Addunyaatiin, Digirii lammaffaa isaa immoo Hariiroo Addunyaa fi  fi Dippiloomaasiitiin Yuniversiitii Finfinnee( Addis Ababa) irraa fudhateera. Ilaalchii fi yaadii as iirrattii muldhatee kan barressicha bakka bu’aa malee dhabataa inni itti hojjattu bakkaa hin bu’u.

      * Yaadachiisa Maxxansaa: gumaachi kun qaama seeneffama dhaabbatni CARD dargaggoota Itoophiyaa gidduutti marii beekumsa irratti bu’uureffame jajjabeessuuf maxxansiisuuti. Isinis yoo gumaachuu barbaaddan yookaan barreeffama kanaaf deebii kennuu feetan, adaraa karaa iimeelii kanaa barreeffame keessan nuuf ergaa: info@cardeth.org.

Viewing 0 reply threads
Reply To: Barbaacha Carraa jeequmsa ji’oo-polotikaalii keessaa
Your information: