Deeggarsa Seekuulaariziimiif (Addaan Bahiinsa Amantaa fi Mootummaa)

Home Forums Waltajjii Dargaggoota Deeggarsa Seekuulaariziimiif (Addaan Bahiinsa Amantaa fi Mootummaa)

  • This topic is empty.
Viewing 0 reply threads
  • Author
    Posts
    • #3588 Reply

      Mihiret Saamsooniin

      Amantaan jireenya dhala namaa keessatti gahee dhiibbaa uumuu guddaa qaba.  Itiyoophiyaanis kanaan ala miti. Seenaa keessatti jiruu fi jireenya hawwaasaa murtessuuf kan amantii gitu hin jiru. Keessumaa hawwaasa Itoophiyaa keessatti gaheen amantiin taphatu salphaa miti. Haa ta’uutii seenaa keessatti gaheen amantiin biyya Itoophiyaa keessatti qabu akkasumas jireenya hawwaasaa fi siyaasaa keessatti qabu wal falmisiisaa fi walxaxaadha. Dhiibbaan amantiin qabu yeroo garaa garaatti dhufaatii ammayyummaa irraa kan ka’e kufaa deemus, yeroo ammaa kana dhiibbaan isaa deebi’aa jirachuun isaa mul’ataa jira. Garuu deebi’ee mul’achuun dhiibbaa amantii kun bifa gaariidhaan miti. Namni hariiroo amantii fi siyaasaa ilaalu kam iyyuu, wantootni deebi’anii dhufaa jiran hagam kan miidhaa gessisan ta’uu isaanii hubachuu danda’a.  Garaa garummaan amantii fi siyaasni waliin qaban dhiphachaa dhuufuun kun rakkoo gudda dha. Yaad-rimee Seekuualarizimii fi tokkummaa biyyoolessaa irrattis dhiibba uumaa jira.

      Yaad-rimeen Seekuulariziimii yeroo ammayyaa kana kan inni ka’ee yaadota bara qaroominaa  (Ilaaytimeentiin) ka’aa turan irraa ka’e. Akkaa hiika jechootaa afaan Ingiliffaatti, sekulaariizimii  jechuun gargar bahuu biyyaa (mootummaa) fi dhaabbilee amantaa jechuudha. Seekuulariziimiin akka seeraatti, mirga dhalli namaa amantaa fedhe hordofuu fi mirga amantaa kamuu hordofuu dhiisuudha. Akkasumas, dirqama mootummaan hammaa dhimmi nageenya hin xuqaminitti dhimma amantaa keessaa galuu irraa bilisa ta’uu danda’uu kan heyyamuudha. Sekulaariizimii jechuun garuu dhaabbileen amantaa akkuma fedhanitti akka hojjetaniif guutummaatti gadi dhiisuu jechuu miti. Kun namuu mirgi isaa akka waan gaaffii keessa jiruutti akka yaadu taasisa, akkaa waan mirgi nageenyaa, qabeenyaa fi fayyaaa sobaa isaaniif kennametti akka lakkaa’an taasisa.

      Sekulaariizimii jechuun addaan ba’iinsa siyaasaa, diinagee, siyaasaa fi aadaati jireenya dhala namaati. Kun bilisummaa, wal danda’uu fi carraa amantaa hundaa fi hordoftoota amantaa hundaatiif kenna. Yaad-rimee seekuulariizimii kana irraa kan ka’e amantiin dhiimma nama dhuunfaati malee dhiimma hawwasummaa waloo miti jechuun ni danda’ama.

      Haa ta’u malee, haala fi yeroo biyyii fi amantiin wal-ta’anii fi tokko ta’an ni jira. Inni tokkoffaan, yeroo walittii heerumuu siyaasaa uumani dha. Jechuun, yeroo adeemsi seeraa tumamu karaa dhaabbilee  amantaan raawwatamu yookaan yeroo ilaalchi amantii tokkoo seeraa ta’ee bahu akkasumas yeroo ilaalchi amantaa madda seeraa ta’u jechuudha. Adeemsi lammaaffaan immoo, wal-utubuu dhaabotaati. Kun immoo yeroo dhabootiin amantaa dhaboota biyyaa (mootummaa) ta’anidha. Hariiroon sadaffaan  immoo, wal ta’insaa faalaasamaa yookaan immoo fiixee tokkummaadha. Kana jechuun, kaayyoon amantii fi biyyaa wal-tumsa jechuudha. Karaa biraatiin immoo, garaa garummaan isaanii karaa lamaan ibsamuu danda’a. Tokkoffaan, karaa hariiroo wal-utubuu (dhimma walii-kabajuu fi of qusachuu, dhiimma ofii irratti fuulleffachuu) akkasumas gita ofii bahachuu fi daangaa ofii irra socha’uudha. Kana jechuun, lameen isaanii waliin hin hojjatan jechuu miti. Bulchiinsa gaarii fiduuf otoo daangaa ofii irrraa hin bahiin wal utubuu danda’uun feesisa. Hariiroon biraan ammoo hariiroo wal-dhiibuudha. Wal-dhiibuu jechuun immoo yeroo biyyii sosochii dhaaboota amantaa fi sosochii hordoftoota amantaa shakkitu jechuudha. Inni kun yaada finxaalessumma irra yoo ga’u sadarkaa biyyi (mootummaan) farra (diina) amantaa ta’uutti ceetu kan calaqqisiisu dha. Kunis kan ta’u yeroo biyyi dhaabbilee amantiii akka madda rakkoo mirga namaa kanneen akka bilisummaa fi kkf ta’anitti ilaaltuudha.  Haala kanaan mootummaan amantii ballessa. Fakkeenyaaf, haalli akkasii biyya Farnsaay keessatti warraaqsa bara 1789 booda mudatee ture.

      Seekuulaarizimii fi Itiyoophiyaa

      Itiyoophiyaan biyya sab-daneessadha. Karaa amantaas Itiyoophiyaan heddummina amantii kan qabdudha. Seenaa Itiyoophiyaa keessatti gargar bahuun amantii fi biyyaa adeemsa yeroo dhiyooti. Yeroo bulchiinsa Hayilasillaasee wal-qixxummaan amantaa waraaqaa irrattii katabamus, Manni Amantaa  Ortoodoksii sadarkaa addaa amantii biraa irra caaluu qaba ture. Seenaa darbe keessatti, amantiin akka meeshaa to’annaa fi karaa bara aangoo mootummaa ofii itti turfatan ta’ee tajaajilaa ture. Namoonni tokko tokko amantii fayyadamanii burjaaja’insa uumuun itti gaafatamummaa irraa bilisa of baasuuf yakka dalagaa turan akkasumas sadarkaa  addaa ofii kennaa turan. Amantaa fi mootummaan kan gargar hin bane; daangaa walii sarbuudhaan haala sirrii hin taaneen wal keessa turan. Haalli kun kuufaatii bulchiinsa impeeriyaalii ynk Hayilesillasee booda hafe. Kana booda mootummaan Dargii gara aangootti dhufe sirna sooshaalistii hordofuun Itiyoophiyaa bulchuu eegale. Dargiin bilisummaa amantii fi wal qixxummaa amantaalee akkasumas gargar bahuu amantaa fi mootummaa maqaaf labsee ture. Haa ta’u malee, qabatamaan (gochaan) imaammata sooshalistummaa (socialism) kan amantiif jibbinsa qabu akkasumas ilaalcha ‘Waaqni hin jiru’ jedhu bu’uura godhachuun sarbinsa mirga bilisummaa amantii fi wal-qixxummaa amantaalee raawwataa ture. Adeemsi mootummaa Dargii kuni bilisummaa amantii ofii ibsachuu sarbaa ture. Dabalataanis, sadarkaa biyyaatti jibbinsa amantiif qabu haala adda addaan calaqqisiisaa ture. Kaayyoon warraaqsa isaatii Itiyoopiyaa soshaalistii fi amantii hin qabne uumuu waantureef, amantiidhaaf baaki kennamu kanuu hin turre. Kuufaatii Dargii booda mootummaan ADWUI (EPRDF) mirga amantii barbaadne fedhaan hoordofuu fi wal-qixxummaa amantalee hundaa heera mootummaa Federalawaa Dimokiratawaa Itiyoophiyaa (FDRE) kan 1995 jalatti mirkaneesseera. Akka heera mootummaa keeyata 11 jalatti tumametti, amantiin biyyoolessaa(mootummaa) hin jiru. Mootummaa fi amantaan gargar akkasumas tokko dhimma kan biraa keessa seenuu hin danda’u. Kun kan nutti agarsiisu, lamaanuu walitti makamuu (walitti dabalamuu) akka hin qabnedha.

      Yaaddoo Tokkummaaf

      Yeroo ammaa kanaatti, Itiyoophiyaa keessatti amantiin madda wal-dhabdee ta’aa dhufuun isaa waan dhokataa miti, Kun taatee  mul’ataa jiru dha. Gargarummaan amantii ilaalcha lammiilee biyyatti qoqqooduu keessatti shoora ol’aanaa  taphachaa jira. Haalli kun itti fufuun isaa walitti bu’insa yaadaa fi qaamaa ni fida. Sababiin isaas, uummatoonni Itiyoophiyaa ilaalcha siyaasaan olitti eenyummaa amantii isaaniif dursa waan kennaniif.  Yaad-rimeen sekulaariizimii bara 1970 keessaa kan biyya seenee yoo ta’eyyuu, mootummoonni Itiyoophiyaa dhaabilee fi geggeessitoota amantaa irratti dhiibbaa jabaa gessissu isaanii ittuma fufanii jiru. Kun ammo hanga sadarkaa namoota dhuunfaa ga’ee hojii amantaa isaanii irraa kaasuu yeroo itti deemamutu jira. Yeroo ammaa kana rakkoon amantiidhaan wal qabata kan Itiyoophiyaa keessatti uumaman baayyeen isaanii sekulaariizimii hordofuu dhiisuu yookaan ammo akka malee itti fayyadamuu irraa kan maddaniidha. Sekulaariizimiin akkaataa barbaachisutti yoo hojii irraa ooluu baatee, kaayyoo guddaan yaad-rimichaa jechuunis, wal qixxummaa amantii eeguu kan jedhu sun rakkoo keessaa gala. Qabiinsi wal qixxummaadhaan hin godhamne kamiyyuu tokkumaadhaaf madda soda ta’a.

      Kanatti aansuudhaan ammo wantoota yaada sekulaariizimiitiin wal faallessan kanneen akkaa ani sekulaariizimiin hin jiru yookaan akka malee hubatameera jedhu na taasisan kan biroon kaassuu yaala. Kanneen keessaa, Gareewwan amantaa kan akka paartii siyaasaatti dhiyaachaa jiran jiru jedhamee shakkama. Akka fakkenyyaatti, dhaabbilee siyaasaa ‘Enat Party’ fi ‘Freedom and Equality Party’ jedhaman fudhachuu dandeenya. Dabalataan, paartiin biyya bulchu ‘Prosperity Party’ ykn  ‘Partiin Badhaadhinaa’ ilaalcha amantaa ‘Prosperity Gospel’ ykn ‘Wangeela Badhaadhinaa’ jedhamu  irratti kan bu’uureffame akka ta’e himama. Waangeelli Badhaadhinaa gartuu amaantaa Piroteestaantii yoo ta’u ‘waanta fedhan tokko argachuuf sirriitti yaaduu fi hawwuun dhaan argachuu akka danda’an amantoota isaa kan barsiisuu fi yaada kana irratti kan hundaa’eedha. Haa ta’u malee, paartilee kana keessaa tokkollee akka hidhata amantii qaban hin amanan. Kunis tarii sababa akka seera biyya Itiyoophiyaatti dhaabileen amantii akka paartii siyaasaatti galmaa’uun seeraan ala ta’eef ta’uu danda’a.

      Gareen amantoota biroon rakkoon amantaa hundaa ija wal qixaan ilaaluu dhiisuu fi cunqursaan amantoota  akka jiru amantaa isaanii kan Ortodooksii fi Isilaamaa waaliin wal dorgomsiisuun yaada qeeqaa kaasu. Yaadota ka’an keessaa loogiin kenninsa lafa waaqeffannaa irratti mul’atu isa tokko. Asirratti, himannaan yeroo baay’ee ka’uu dhimma ijaaarsa maazigidaa magaalaa Aksumiin wal qabatudha. Magaalaa baay’ee biyyattii keesssatti rakkoon akkanaa baay’inaan mul’ata. Mana amantaa pirootestantii yookaan pheenxeen wal qabatee, lafaa fi qabeenya mootummaa darbeen jalaa saamame deebifachuuf tattaaffii gochuutti jiru. Qaamonni mootummaa barbaachisoon rakkoo manni amantaa pirootestaantii kaasu kana furuuf danqaa kan ta’e bulchiinsaa fi imaammata hojii irra jiru akka ta’e kaasanii, dhimmi kunfuramuu akka qabu ni akeeku. Gaaffiiwwan kana deebisuu keessatti murtoo fudhameen qabeenyi tokko tokko irraa fudhatamaa waan jiruuf Manni Amantaa Ortodooksii yeroo keessa akka midhamaatti of ilaaluu eegalee jira

      Waa’ee lafaatiin wal qabatee dhimmi jiru kan biraan, falmii waa’ee babalifannaa fi sirreeffama bakkeen amantii irratti maqaa misooma mootuummaatiin geggeeffamuudha. Fakkenyi beekaman tokko wal faalmii waa’ee Piroojektii Shukkaaraa Walqaayit kan Gadaamii Waldamaa irratti akka ijaaramuuf yaadameedha. Yoodhuma yaaliin mootummaan misoomaa fi bu’uuraalee oomishaaf qabu gaarii ta’eyyuu, namootni tokko tokko ammoo piroojektichi jiraachuu Gadaamii adda ba’ee jiru kanaatiif sodaadha jedhanii amanu. Sababni isaa piroojektichi ijaarsa daandii, mana jireenyaa fi dhaabilee daladalaa, akkasumas bu’uuraalee kan biro, kanneen akkataa naannoo sana guutummaatti jijjiiruu danda’anfaa waan of keessaa qabuufidha.

      Dabalataan, manneen amantaa kiristaanaa fi masgiidi iddoowwan garaa garaatti gubataa turan. Kun wantoota mootummaan nageenyaa dhaabbilee amantaa eeguu(yaad rimee sekulaariizimii keessaa tokko isa ta’e)  dadhabuu isaa mul’isan keessaa isa tokko. Miiidhaa fi sodaan akkanaa nageenyaa fi tasgabbii biyyaa irratti waan agarsiisan ni qabu. Agarsiisa siyaasaas ni qabu. Fiinxaalessummaa guddachaa jiruu wajjin yeroo ilaalamu amantiin akka ka’umsaatii fi meeshaa walitti bu’iinsa rakka uumaanii ta’aa kan jiru fakkaata.

      Rakkooleen armaan olitti ibsamanii fi kanneen biroon, mudannoo biyyattii keessaatti guyya guyyaan  mula’achaa jiranidha. Fakkeenyi armaan olii kan ibsu, faallaa yaada sekulaariizimiitiin, haalota garaa garaa keessatti mootummaa fi amantiin wal keessa galuu isaaniti. Namoonni tokko tokko maddi rakkoo kanaa wal-dhibdee yaad-rimee Seekuulaarizimii irraa maddaa jedhu. Haata’u malee, ani yaada kana hin fudhu. Akkaa hubannaa  kiyyaatti, amantaa ilaalchisee walitti bu’insi biyyattii keessatti ka’aa jiru duudhaalee seekuulaarizimii  kabajuum dhiisuu irraa madda malee garaa garummaa yaada seekuulaariizimii irraa kan ka’e miti. Sababa sekulaariizimiin sirritti hin hubataminii fi akka yaad-rimee isaatiitti hojii irra hijn ooliniif, waan qabatamaatti hojii irra hin oolun ceepha’uun miira namaaf hin uumu.

      Abdii Jiru

      Biyya keenya keessatti yaad-rimeen sekulaariizimii jalqaba addaan ciccitaa qaba. Raawwii fi fudhamni isaas hanga ta’uu qabuu gadidha.  Haa ta’u malee, biyya  akka Itiyoophiyaa  keessatti barbaachisummaan seekuulaariizimii ol’anaadha. Seekuulaarizimiin rakkoowwan akka wantoota biyya lafaa kanatti hidhamuudhaan yaadni namoota akka bittimaa’uu fi wantoota hafuuraa dagachuu qabachuu danda’a. Garuu akka yaada kootti biyyaa dimookiraatofte keessatti wantoota mirkanaa’uu qaban keessaa isa tokkodha. Jiraachuun seekuulaariizimii mirga amantii fedhan hordoofuu fi bilisummaan hojiirra oolchuuf wabiidha. Seerri biyya kamiiyyuu mirga amantii sarbu hin qabu. Haa ta’u malee, dhiimma amantii keessa mootummaan gonkumaa hin galu jechuu miti. Yeroo hojiin amantii nageenyaa fi tasgabbii biyya balaa irraa buuusuf jedhu mootummaan gidduu seenee seeraa kabajchisiisuu akkasumas nageenyaa fi tasagabbii biyyaa tiksuuf aangoo qaba.

      Mootummaan nageenya lammii qofa eegsisuu hin qabu. Gareelee hojiilee uummataa jeeqanii fi tasgabbii booressaan irratti tarkaanfii fudhachuu qaba. Mootummaan amantaa hunda ija walqixaan ilaaluu fi rakkolee wal-qixxummaa amantaaf sababa ta’an furuun dirqama isaati. Mootummaan lammiileen danoomina amantiitti akka amanan, akka wal danda’an barsiisuu fi mirkaneessuu, duudhaa amntiilee tuquu dhiisuu fi ofii isaa dhiibbaa amntii irraa fageessuu qaba. Gama biraatiin dhaabbileen amantii dhimma mootummaa keessa seenuu hin qaban. Itti gaafatamummaan kun mootummmaa qofa osoo hin taane, akka lammiitti hunduma keenya irraas kan eegamuudha jedheen amana. Lammiileen seeraaf bitamuu fi waan addaa addaa nu taasisu caalaa waan tokko nu godhan irratti xiyyeeffachuu qabu.

      Seekuulaarizimin yoo hojii irraa hin oolu ta’e, mirga amantii fedhaan bilisummaan hordoofuu; bilisummaan yaadaa ofii ibsachuu; fi bilisummaa yaadaa qabaachuun ni caba. Bilisummaan kun yeroo sarbamutti bu’uura guddina dhala namaatii kanta’e dagaaginni hafuuraa fi sammuu ni daangeffama. Kun ammoo faallaa yaad-rimee kaja dhala namaati. Kanaaf, yaad-rimee sekulaariizimii jalqabaa fi giddu galeessa godhachuu qabna.

Viewing 0 reply threads
Reply To: Deeggarsa Seekuulaariziimiif (Addaan Bahiinsa Amantaa fi Mootummaa)
Your information: