Itiyoophiyaan kan Eenyuutii?

Home Forums Waltajjii Dargaggoota Itiyoophiyaan kan Eenyuutii?

  • This topic is empty.
Viewing 0 reply threads
  • Author
    Posts
    • #3455 Reply

      Bitseit Alemu

      Yeroo waa’ee siyaasaa Itiyoophiyaan amma keessa jirtu kaasnu sochii barattootaa bara 1960 keessa ture bira darbuun hin danda’amu. Sochiin barattootaa Itiyoophiyaa kun aadaa siyaasaa hawaasichaa irratti jijjirama fidee jira. Sosochiin kun seenaa Itiyoophiyaa ammaayyaa keessatti iddoo ka’umsa ykn bu’uura jedhame kan fudhatamu dha. Addatti ammoo sochiin kun gaaffii sab-boonummaa, wal qixummaa amanataa fi mirga lafaa yeroo dheeraaf safeeffatamaa ture ifoomsuun akkasumas waltajjiitti baasuun mata-duree marii uummataa taasiseera.

      Ethiophiyaa haaraan eenyummaa danuu kan qoqqoodinsa addaa addaa kan amantii, sabummaa fi sadarkaa irrattti hundaa’e keessatti arguun danda’amu irra kan hundoofteedha. Biyyaa namoota addaa addaa of keessatti qabatte kana keessatti tokkummaa eeguudhaaf geggeessitootaan tooftaaleen addaa addaa yaalamaa turan. Seenaa mootittii Sheebaa kan Moototni dhufaatii hidda isaanii Minilik I irraa lakkaawachhuudhaan seera qabeessummaa argachuuf gochaa turan ilaaluun ni danda’ama. Asi irratti gaheen amantaan Ortodoksii Itiyoophiyaa taphatte guddaadha. Aangoon kan waaqa biraa kenname ta’uu lallabuudhaan, gabatee kakuu kan Minilik I dhaan Iyyerusaalemii dhufeen wal qabsiisuudhaan beekamtii kenna. Waan darbe ilaaluudhaan, yaadni gareelee addaa addaa Itiyoophiyaa keessa jiran walitti qabuu danda’u tokko seeqa qabeessummaa uumuudhaa, aangoo tursuudhaaf akkasumas guutummaa biyyattii keessatti  tokkumaa jabeessuudhaaf kan barbaadamu ta’uu hubachuu ni dandeenya.

      Addi Waraaqsa Ummaattoota Itiyoophiyaa (ADWI) mootummaa Dargii kuffisee gara aangootti erga dhufee yeroo waraanaa waliinii Itiyoophiyaa (1966-1983) mufii dhaabbilee siyaasaa gara garaa gidduu ture irratti araara buusuuf leegaasii (faana) sochii barattoota Itiyoophiyaa bara 1960 kessa ture ni hordofa jedhamee amanamee ture. Bu’uuruma kanaan, ADWIn caasaa mootummaa Federaalawaa eenyummaa sabummaa bu’uura godhate diriirse. Kunis sab-daneessuummaa fi heddummina Itiyoophiyaan ammayyaa qabdu keessummeessuu akka danda’u itti amaname. Akka kanaan mirgi beekamtii eenyumaa argachuu fi hiree murteeffannaan wiirtuu siyaasaa Itiyoophiyaa ta’uu danda’an. Federaalizimii sabummaa bu’uureffateetiin sirni motummaa ADWIn gaaffii sab-daneessummaa yeroo dheeraa tureef furmaata kennuuf yaalii taasiseera. Haata’u malee, karaa faallaatiin ammoo sirni federaalizimii kun gaaffii sabummaa finxaalessa ta’aniif sababa ta’uun Itiyoophiyaan walitti bu’insa siyaasaaf akka saaxilamtu taasise. Furmaatni gaaffilee finxaaleyyii sabummaa kunneen ammoo caasaa siyaasaa fi hawaas-dinagdee biyyatti  keessa kan hundee gadi fageeffate ta’ee jira.

      Yeroo dhiyoo kana tooftaa ittiin daneessummaan (heddumminni) bifa fooyya’aa ta’een hogganamu ilaalchisee ilaalchi faallaan Itiyoophiyaa kallattii lamaan harkisaa jira. Karaa tokkoon, daneessummaa jaarmiyaa itti tolchuun mirga hiree murteeffannaa fi beekamtii argachuu namoonni deeggaran jiru. Karaa biraan ammo mata-dhukkubbii (rakkoo) biyyattiin yeroo ammaa keessa jirtuuf sababaan siyaasaa sabummaa waan ta’eef daawaan tokkuummaa biyyaa fiduu qofa kanneen jedhan jiru. Falmii siyaasaa yeroo ammaa Itiyoophiyaa mudate irratti dhiibbaa kan taasise yaadaa (ejjennoo) hoogganoota sochii barattoota Itiyoophiyaa bara 1960taa kan turan Waalellinyi Mokonninii fi Ibsaa Guutamaati. Namoonni kunneen “Itiyoophiyaan kan Eenyuutii?” “Lammiin Itiyoophiyaa Eenyuu?” gaaffiiwwan jedhaman kaasuudhaan adda dureen beekamu. Waa’ee eenyummaa sabummaa fi sabboonummaa biyyaa (Itiyoophiyummaa) gaaffiiwwan kanneen keessatti calaqsiisuuf yaalaniiru.

      Waalellinyi Mokonnin bara 1969 keessa barreeffama dhimma wal-qixxummaa uummataa fi haqaa ilaalchisee dhimmoota jajjaboo ta’an kaasuun waraqaa (barreeffama) gaaffii sabboonummaa gara dirree siyyasaatti fide maxxansee ture. “Aadaa Abisiiniyaa’’ siyaasaa biyyattii ol’aantummaan qabatee ture aadaa garaa garaa walitti makuun akkasumas duudhaawwan biroo qooduun isaa “sabboonummaa Itiyoophiyaa sobaa” ti jechuun barreeffama isaatiin ifoomseera. Dabalataanis, akka Waalellinyi jedhutti “kaayyoon warraaqsa barattootaa inni guddaan haalota dinagdee fi aadaa tilmaama keessa galchuun uummata Itiyoophiyaa bilisoomsuuf; wal-qixxuummaa dhugoomsuu; tookkumma biyyaalessaa dhugaa ta’e  ijaaruuf waamicha dhiyeessa. Walabummaan aadaa sabaa fi sab-lammoota hundaa kabajamuu qaba.” Kun bu’uura siyaasaa humnoota sabaa fi sab-lammootaa bara 1983 as jiru ol’aantmmaan kan to’atedha.

      Waalellinyi gaaffii murnaa ykn garee Itiyoophiyaa keesaa jiruuf debii kennuuf xiyyeeffannoo ol’aanaa kan kenne yommuu ta’u dhimmicha irrattis ejjennoo cimaa qaba ture. Humnoota ajandaa dhuunfaa isaaniif qabsaa’an ni morma ture. Inumaayuu, Waalallinyi qabsoowwan naannoo biroo deeggaruu fi tokkummaadhaan mootummaa biyaalessaa Itiyoophiyaa fiduudhaaf ilaalcha idil-adunyaa barbaachisa jedhee amana. Ta’us, dadhabinni isaa tokkummaa biyyaleessaa dhugaa ijaaruuf filannoon jiru waraaqsa diddaa fi qabsoo hidhannootiin deeggarame qofaa dha kan jedhu ture. Asirratti, dhimmoonni Waaalalinyi ofii isaa kaase seenaa siyaasa biyyattii keessatti ijoo ta’uu isaanii akkasumas uummata hunda ajandaa fi naamuusa waloo irratti gurmeessuu fi gaaffiileen biroo dura deebii argachuu qaban hedduun jiraachuu isaanii dagateera.

      Kan biraan, rogeessa sochii barattoota Itiyoophiyaa beekamaa kan ture Ibsaa Guutamaatiin walaloon beekumsa siyaasaatiin deeggaramee barreeffame haala siyaasa biyyattiin keessa turtetti qormaata kan ta’e ture. Walalichi gaaffii barbaachisa ta’e “Lammiin Itiyoophiyaa Eenyuu?” jedhu kan kaasu yoo ta’u fiinxaalessummaa gaaffilee biyyaa irratti turan kaasee ture. Ibsaan aantummaa eenyummaa sabaa fi abbummaa gitaa fi eenyummaa Itiyoophiyummaa irratti xiyyeefate. Siyaasaan gitaa fi sabboonummaan sabummaa tokkummaa Itiyoophiyaa isaa gudda ta’e gara haguuguutti kan geessan ta’uun isa yaaddessa.

      Ibsaan wal-qoqqooduun yoo hammachaa dhufe hireen Itiyoophiyaa mudatu waan isa yaaddesseef kan inni gaaffii “Lammiin Itiyoophiyaa Eenyuu?” jechu akka armaan gadiitti kan gaafate:

      “Yaa warra hayyuu; mee natti himaa!

      Itiyoophiyaawwiin eenyuu?

      Hibboo kana naa hiikaa” 

      Ibsaan yoo gargar qoodamiinsi kan afarfamuta’e carraan Itiyoophiyaa maal akka ta’uu danda’u ni yaadda’a ture. Ergaan inni walaloo isaa kanaan dabarsuu barbaade, gaaffii ‘hundi keenya eeyummaa qofa qofaa ta’erratti hundoofnee murna garaa garaa keessatti kan of ramadnu yoo ta’e waa’ee Ityoophiyaa ishee kan eenyuu haasa’aa jirra?’ kan jedhudha. Akka kanaanis namoota mandhee gitaa ykn gosaa keessa of dhoksan ni ceepha’a. Ibsaan dadamaqiinsa gitaa fi saboonummaa gosaatiin taasifumu irra gara biyya hundumti keenyayyuu keessatti dhalanne Itityoophiyaatti akka xiyyeeffannu yommuu sochiin taasifamu waanti yaadatamuu qabuu fi furmaatni isaa maal akka ta’e beekuu barbaada ture.

      Waalellinyi fi Ibsaan lameen isaaniyyuu jireenya hawaas-dinagdee akkasumas siyaasaa uummatichaa gad-fageenyaan qorachuun mariin roga qabeessa ta’an akka mul’atan taasisanii jiru. Ejjennoon isaanii humnoota siyaasaa morkattoota walii ta’an giddutti madda falmii ta’ee kan ture yoo ta’u gaaffiin isaanii kun ammalllee deebii hin arganne. Yeroo ammaa kana waltajjii siyaasaa irratti falmii ijoo ta’an lama akka qabnu ifa dha. Inni tokko, sab-daneessummaa (heddummina) barootaaf osoo hin tuqamiin jiruuf beekamtii kennuu wajjin wal-qabata. Waan kana ta’eef beekamti eenyummaa fi mirga ofiin of bulchuu gonfachuuf gurmaa’ina fi dadamaqiinsi sabaa fi sab-lammii irratti hundaa’ee ni barbaachisa kan jedhudha. Inni biroon, faallaa sochii sabummaa kan ta’e tokkuummaa fi sabboonummaa Itiyoophiyaa kan bu’urefate fi federaaliizimiin sab-daneessummaa akka diigamu yaada dhiyeesseera. Morkiin murna kana lamaan giddu jiru gaaffilee fi yaaddoowwan Waaleallinyi fi Ibsaa irra deebinee akka kaasnu nu dirqisiisa. Haata’u malee gaaffilee haqa qabeessa ta’an garuu hubannaa dogongoratiif saaxilaman kanaaf yommuu deebii barbaadnu dogoggora sirni bulchiinsa ADWI irra deebi’uu hin qabnu.

      Barreeffamni Waalellinyi dhimma beekamtii sabummaa, gaaffii haqaa fi wal-qixxummaa sabaa hiikuudhaaf murteessaa dha. Itiyoophiyaan biyya sabaa fi sab-lammoota hedduu ta’uu ishee fi daneessummaa keenya haaluu yoo kan itti fufnu ta’e hunkuraa (jeeqama siyaasaa) yeroo amma jiruuf furmaata argachuu hin dandeenyu. Dhugaa kana hanga hin fudhannetti gara fulduraatti tarkaanfachuu hin dandeenyu. Sababni isaas, waa’een beekamtii sarbamuu sabummaa seenatiin himamu gara mufiitti waan geessanii fi miidhaa qaqqabeef gaaffii benyaa waan uumaniif. Yoo gaaffii beekamtii wajjin firooma qabaatan kanneen tokkummaa irrati dhiibba ol’aana qaban osoo sirriitti hin ilaaliin callisnee farrajne jeequmsaa fi walitti bu’insa kan dabalu ta’a. Kanaaf, sab-daneesumaatiif beekkamtii kennuu; badii ykn daba kaleessa raawwatameef haqa mirkaneessu; fi wal-tumsuun itti fufinsa biyyattiif barbaachisaa akka ta’an fudhachuu qabna.

      Har’a eenyummaan sabboonummaa siyaasaan guutamee sabbonummaan wal-morkataa ta’e fiixee irra gahee aangoo siyaasaa, waraanaa fi mankaraaressummaatiin mul’achuu irra gahee jira. Murnoonni hidhatan oduu durii seenaa dabiinsa haqaa waliin ta’uun “nuyii” fi “isaan” walin jechuun inni tokko isa birootiin naanno “keenya” jechuun kaan irraa ari’u wal dadhabbii fi walitti bu’insa murnoota sabbontotaa gara hammaachuutti deemaa jira. Wan kana ta’eef, bakka kanatti wanti jala muramee beekamuu qabu, gaaffiin lafaa ka’umsa rakkinichaa ta’ee jira; akka carraa ta’ee gaaffii kanaaf hanga har’aatti deebii argachuu hin dandenye.

      Adeemsa ijaarsa biyya Itiyoophiyaa aammayyaa irratti sabaa fi sab-lammiin garaa garaa akka waliin jiraatan taasifamuun isaa kaartaa Itiyoophiyaa har’a jiru argamsiise jira. Addunyaa siyaasaa keessatti humna siyaasaa jabaa fi dorgomaa mo’ataa ta’e tokko hundeessuuf sabummaa caalaa tokkummaa ol-kaasanii mul’isuu wayya. Waan kana ta’eef, Itiyoophiyummaa laafsuun gara dur faffacaatee turtetti deebisuuf yaalurra haala murnoota hawaasaa hundaa of-keessatti hammateen beekumsa, duudhaa fi sona (qaroomina) biyya keessaa maddaniif beekamtii kennuun Itiyoophiyaan akka daran hunda hammattuu taatu taasisuu wayya. Yeroon ammaa yeroo giloobaalaayizeeshiinin addunya kana gara mandara tokkotti fidee walfaanummaa dagaagse waan ta’eef sab-daneessummaa keenya bakka hundaati mul’atu kabajuu dhabuu fi akka qabeenya qaaliitti fayyadamu dhabuun keenya sirri miti.

      Akkuma armaan olitti ibsame, tokkummaa biyyaa sab-daneessummaan keessatti bartame eeguudhaaf namuusni jabaan fedha sabaa fi sab-lammii keessummeessuu danda’u jiraachuu qaba. Gaaffiin guddaan tokkummaaa hundi keenya akka dahootti ilaallu uummachuuf namusaa fi duudhaa akkamiitu nu tajaajila kan jedhudha. Gareen tokkoo tokko duudhaaleen diimokiraasii saba isaaniitiin dinqisifataman fi akka beekamtiin kennamuuf barbaadan jiru. Barbaachisummaa beekamtii saboota yoo hubanne duudhaalee aadaa isaaniitiif beekamtii kennuu qofa osoo hin ta’iin diimokiraasiin ijaarru kan aadaa isaanii waliin deemuu fi kan of keessatti hammate ta’uu qaba. Dhugaan jiru, hawaasni kamiyyuu aadaa mataa isaa dimokiraasii wal-danda’uu fi wal-kabajuu bu’uureffate qaba.

      Jaarmiyaalee jajjaboo seenaa, aadaa walitti dhufeenyaa, duudhaalee diimokiraasii fi sona aadaa biyya keessa biqilan qorachuu irratti xiyyeeffatan hundeessuun baay’ee barbaachisaa dha. Sababni isaa, sirna uummatni keenya hin beekneen furmaanni nuti fudhannu murtoo dirqiin isaan irratti feene ta’a. Kanaafuu, jarmiyaaleen bifa kanaan hundeeffaman kun kan hundumtuu itti buluuf qophii ta’an akkasumas namuusota dimokiraaasii hammataa ta’an uumuuf faayyida qabeessa dha. Imaamanni biyyaalessaa wiixineeffaman akkuma Waalellinyi  jedhu yaada mootumma tokkummaa irratti hundaa’een yoo ta’u kunis “jaarmiyaa mootummaan biyaaleessaa karaa jaarmiyaalee biyya keessaa biqilaniin saboonni hundumtuu dhimmoota mootumma irratti kan wal-qixa irratti hirmaatan ijaaruun ni danda’ama.”

      Ejjennoowan faallaa lamaan jechuun  yaad-rimeen “sabboonummaa” (kanneen biroo fudhachuu dhabuu ykn qoqqoodinsa “keenyaa” fi “kan isaanii” kan afarsu) fi “Itiyoophiyummaa” (daneessummaaf kan bakka hin kennine) yaada diginsa yommuu ta’an hokkora siyaasaa yeroo ammaa jiruuf gama-hundaan itti gaafatamoo dha. Waan kana ta’eef, dhimmichi baay’ee wal xaxaa fi hubannaa gad-fagoo seenaa siyaasaa Itiyoophiyaa kan barbaadu waan ta’eef yaada gama kanaan kenninuuf xiyyeeffannaa guddaa kennuu qabna. Gaaffileen murnoota garaa garaatiin dhiyaatan hedduun isaanii kan maddan dhimmoota wal qixxaummaa, haqaa fi beekamtii wajjin kan walqabatan dha. Dabalataanis, dhimmi lafaa kan hunduma caalaa deebiin hin kennamneef ka’umsa gaaffilee kana yommuu ta’u hireen keenya isa irratti kan hundaa’e dha.

      Dhaloota dhufuuf wantoota jiran ifa taasisuu yoo barbaadne, gaaffiin Ibsaa  “waa’ee Itiyoophiyaa ishee kamii haasa’aa jirraa?” fi “Itiyoophiyaan kan eenyuu ti” kan jedhu deebii argachuu qaba. Dabalataanis, namoonni sababa irratti hundaa’uun jechuunis beekamtii eenyummaa sabaa fi haqaa bu’uura godhachuun qabsoo taasisan hubannoo Waalellinyi qalbeeffachuu qaban. Kunis qabsichi naannoo murtaa’aa tokko qofaaf osoo hin taane naannolee hundumaaf Itiyoophiyaa biyya hundaaf taatu ijaaruuf hundumtu duudhaalee diimookiraasii itti walii galaniin akka bitaman Itiyoophiya hundumtu fedha isaaniitiin waliin jiraachuuf itti walii galan ijaaruun ni danda’ama (ani Itiyoophiyaa roga qabeessa/hunda hammatte jedhee waamuun filadha). Duudhaaleen keenya naanno jireenyaa, bulchiinsaa naannoo fi kana irras darbee kan kutaa biyyaa bira ce’an ta’uu danda’u qabu. Sab-daneessummaa bulchuu fi keessummeessuuf tooftaa hunduma dhugaadhaan bakka bu’uu fi hirmaachisa ta’e hordofuu qabna.

      Karaa kanaan hundumti keenyi biyya dinqisifannu; kan eenyummaa keenyaa fi mirga abbaa biyyummaa keenya keessatti gaafannu; gaaffichaafis deebii boonsaa kan itti argannu fi tokkummaa hunda hammate irratti biyyaa hundoofte ijaarrachuu dandeenya. Kana booda yaada “Itiyoophiyaan kan keenya, lammiin Itiyoophiyaas nuyi” jedhurratti wali galuu dandeenya.

Viewing 0 reply threads
Reply To: Itiyoophiyaan kan Eenyuutii?
Your information: