Itoophiyaan gaaga’ama jii’oo-polotiksii keessatti

Home Forums Waltajjii Dargaggoota Itoophiyaan gaaga’ama jii’oo-polotiksii keessatti

  • This topic is empty.
Viewing 0 reply threads
  • Author
    Posts
    • #4133 Reply

      Hagos Gabreamlaak*

      Barreeffama kana keessatti, Itoophiyaan gaaga’ama jii’oo-polotiksii keessa akka jirtuufi barbaachisummaa isheen jii’oo-polotiksii keessatti qabdu gadi bu’eera jedheen agarsiisuuf yaala. Jecha jii’oo-polotiksii kanan fayyadames qabiyyeefi haala siyaas-dinagdee biyyattiin keessa jirtu mul’isuufi. Rakkoon jii’oo-polotiksii kun akka eegaluufi ariifatuuf jijjiiramuu haalota keessoofi alaadha. Diddaan waliigalaa mootummaa ADWUI(EPRDF)’n hoogganamu irratti gaggeeffamuun eegale gara waadaa mootummaa ce’umsaatti geeddarame. Haa ta’u malee, rakkoon keessoo ADWUI’ fi lamatti hiramuun paartichaa gammachuu gara abdii kutannaatti jijjiireera. Waraanni mootummaa Itoophiyaafi ABUT(TPLF) gidduu biyyattiifi hariiroo alaa irratti miidhaa dhaqqabsiiseera.

      Jijjiiramuun siyaas-dingadee biyyatti rakkoo siyaasaa irraa kan maddedha. Yeroo amma kana biyyattiin rakkoo cimaa hawaas-dinagdeefi siyaasaa keessa jirti. Hojii dhabdummaa dabalatee qaala’insi jireenyaa guddaan uummataafi diinagdee irratti yaaddoo ta’eera. Biyyattiin hanqina sharafa alaatiinis miidhamaa jirti.

      Dorgommii addunyaaan jii’oo-polotiksiif taasisaniifi tasgabbii dhabinsi waliigalaa gaaga’ama jii’oo-polotiksii Itoophiyaaf gahee guddaa tapahateera. Ameerikaafi dhaabbanni gurguddaan isheen socho’an bara bulchiinsa Traampiifi Baayiden dhiibbaafi qoqqobbii garagaraa irratti gaggeessaa turan. Dabalataan, Liqaa maallaqaa Chaayinaan Itoophiyaaf gootu dhibuu, dorgommii jii’oo-polotiksii Gaanfaa, koronaa vaayirasiifi waraanni Yukireeniifi Raashiyaa rakkoo amma Itoophiyaan jii’oo-polotiksii irratti ishee mudataa jiruuf shora mataa isaanii taphataniiru. Gahee isaan gaaga’ama kanarratti taphatan akka armaan gadiitti ta’a.

      Rakkoo Hidha Laga Abbayaafi Dhiibbaa alaa.

      Bara 2018 yeroo Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmed aangotti dhufan mootummaan Itoophiyaa yaada haaraa eegalee ture. Bulchiinsi haaraa kun karoora “Jijjiirama diinagdee biyya keessoon” diinagdee Itoophiyaa jijjiiruu jedhu qopheesse.

      Ameerikaafi dhaabbani maallaqaa addunyaa kanneen akka Baankii Addunyaa (WB)fi Fandiin Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) jijjiirama kana deeggaruuf waadaa seenanii turan. IMF doolaara biliyoona 2.9 kan waggaa sadii gidduutti kennamu waada seene. Baankiin addunyaas jijjiiramicha deeggaruug doolara miliyoona 500 kennuuf beeksiseera. Ameerikaanis jijjiiramicha deeggaruuf Biliyoona 5 sagantaa invastamantii waggaa sadii hanga shanitti deeggaruuf karoorfachuu beeksiste.

      Boodarrattis, waadaan kun hundi ni dhiifame. Guutinsa bishaanii marsaa jalqabaa waxabajji 2020’n walqabatee Baankiin Addunyaa waadaa doolaara miliyoona 500 balaa tasaaf jedhee seenee ture hatattamaan akka dhorke beeksise.

      Waldhabdee Itoophiyaan Sudaaniifi Gibxi waliin dhimma hidha laga Abbaya ilaalchisuun seenteen walqabatee bulchiinsi Tiraampi qoqqobbii gargaarsa addaan kutuu Itoophiyaarratti labse. Ameerikaafi Baankiin Addunyaa biyyoota sadeen kana araarsuuf gidduu seenan. Haa ta’u malee, dhimmi araarsuu kun bu’uurri isaa seeraafi waliigaltee osoo hin taane akkuma argaa turre Ameerikaan gar-tokkeen Ijipti deeggaraa turte. Itoophiyaan Ijiptiifi Sudaan waliin waliigaltee irra osoo hin gahiin guutinsa bishaanii hidha laga Abbayaa akka hin eegalle mootummaan Ameerikaa akeekkachiise. Adeemsa waliigaltee sanarratti Baankiin Addunyaa yoo Itoophiyaarratti dhiibbaa uumne dirqamtee Sudaaniifi Ijipti waliin waliigalti yaada jedhuun Itoophiyaarratti dhiibbaa uumaa ture.

      Torbee muraasa booda, Baankiin Addunyaa dabalataan doolaara biliyoona 2.9  “Jijjjiirama dinagdee biyya keessoon” jedhameef waadaa seenee ture akka haqe gabaase. Baankicha jalqabarratti karoora jijjiirama waggaa sadiif barbaachisu doolaara biliyoona 10 keessaa dhibbantaa 60 kennuuf waadaa seenee ture.

      Fandiin Maallaqaa Idil-Addunyaa kaffaltii liqaa doolaara biliyoonaan tilmaamamu Itoophiyaaf kennuuf ture haqe. Biyyattiin carraa liqaafi kenninsa maallaqaa Dhaabbata Maallaqaa Idil-Addunyaa kamiyyuu irraa akka hin arganne dhorkamte.

      Gibxi Ameerikaa waliin jii’oo-istraateejiin michuu dhiyoo waan taateef, Ameerikaanotaafi Liigii Arabootaa irraa deeggarsa qindaa’aa ta’e jii’oo-polotiksii Naayil irratti argatteetti.

      Barbaachisummaa Indoo-Paasifikii Ameerikaafi jijjiiramuu keessoo US.

      Waraana addunyaa lamaffaatii kaasee, Baha jidduu-galeessaafi Galaanni Diimaa bakkeewwan jii’oo-istraateejikaalii barbaachisoo Ameerikaa turan. Ameerikaanis naannicha irratti xiyyeeffachaa turte akkasumas Itoophiyaa akka jii’oo-polotiksii mataa isheef mijatutti tolfatte.

      Fedhii Ameerikaan Galaanaa Diimaarraa qabduuf sababa Itoophiyaan jii’oo-polotikaalii Ameerkaaf barbaachistuu taateef Haayila Sillaaseen Itoophiyaa michuu dhiyoo US fi gargaarsa hedduu irraa argachaa turan.

      Halellaa 9/11 fi duula waraanaa shororkeessitoota irratti eegalameen booda ADWUI’n Itoophiyaa michuu dhiyoofi barbaachisoo Ameerikaa ture. Haleellaa Al-Shabaabiifi finxaaleyyii irratti godhamuufi mootummaan Itoophiyaa michuu dhugaa Gaanfa Afrikaa ture.

      Yeroo duraa Bahi Jidduu-galeessaa, Awurooppaafi Eeshiyaan Bahaa walduraa duubaan filannoo Ameerikaa warreen duraa turan. Amma garuu, sababii jijjiiramuu keessoo jii’oo-polotiksiifi Galaana Diimaarratti xiyyeeffannoo hir”isuu Ameerikaa irraa kan ka’e Jidduu-galeessi Bahaa jii’oo-polotikaalii filannoo dhumaa Ameerikaa taateetti.

      Yeroo ammaan kana Ameerikaan irra jireessaan fedhii anniisa irraa bilisa waan taateef sababa isheen Galaana Diimaaf xiyyeeffannoo kennituuf tokkoyyuu hin jiru. Gaaga’ama lammii ishee jidduutti uumamaa jiruufi garaagarummaa hawaas-dinagdee ishee mudataa jiru furuuf bulchiinsi Ameerikaa xiyyeeffannoo ishee gara keessootti deebisteetti.

      Ameerikaan xiyyeeffannoo isheen duula waraanaa shororkeessitootaa irrattii fi Gaanfa Afrikaa akka waliigalaatti gootu kana booda hin jiru. Fedhiin Ameerikaa ammaan kanaa jii’oo-polotiksii naannoo Indoo-Paasifikii qabachuun babal’achuu Chaayinaa to’achuudha.

      Barbaachisummaan jii’oo-polotikaalii Itoophiyaan Ameerikaaf qabdu yeroo hundumaa fedhii jii’oo-istraatejii  Ameerikaan Jidduu-galeessa Bahaa irratti qabdu waliin walqabata. Amma garuu Ameerikaan Jidduu-galeessa baha irraa bahuun Chaayinaa irratti xiyyeeffateettii.

      Jijjiiramni kun gaaga’ama jii’oo-polotikaalii Itoophiyaa irratti deemaa jiruuf shora oolaanaa taphachuun Itoophiyaan kana booda bakka istraatejii barbaachisoo Ameerikaa ta’uun ishee hafuuf sababa ta’eera.

      Kufaa dhufuu Deeggersa chaayinaan Itoophiyaaf kennitu

      Deeggarsi chaayinaan Itoophiyaaf kennaa turte guddina diinagdee Itoophiyaaf gumaacha guddaa gochaa ture. Itoophiyaan liqaa ofirraa qabdu dolaaraa Ameeriikaa biliyoona soddoma ol ta’a, kana keessaa gara biliyoona kudha shan chaayinaa irraa liiqeffattedha.

      Sosochii diinagdee Chaayinaan dhabbata diinagdee addunyaa keessatti qabduufi kuufama guddaa jijjiirraa maallaqaa qabdu, mootummaa Itoophiyaa EPRDF’n hogganamuuf carraa guddaa banee ture. Mootummaan Itoophiyaa carraa argate fayyadamuun diinagdee biyyattii ol guddisuu danda’ee ture.

      Amma deeggarsi Chaayinaa akka duraa miti, Itoophiyanis carraa argamu sirriitti fayyadamaa hinjirtu. Akkasumas carra Chaayinaa irraa argamuun diinaagdee ofii utubaa hinjirtu.

      Chaayinaan Itoophiyaa liqii baankota ishee irraa akka hin liqeeffanne dhorkitee jirti. Yeroo dhiyoo kanatti, Baankii Chaayinaa kan ta’e import-eksipoort (exim) baankiin liqaa doolaara miliyoona 339 dhorkee ture, kun immoo piroojeektoonni kudha lama ta’an akka addaan citan godheera.

      Yeroo ammaa kanatti chaayinaan, Itoophiyaa carraa deeggarsaa keessaa baasteef sababa Itoophiyaan liqaa gara biiliyoona kudha afurii irra jiru kaffaluu dadhabdeef, piroojeektii Beeltii fi Rood inishaativii (BRI) Maallaqa guddaa chaayinaan piroojeektii kanaaf barbaaddu irraan kan ka’e Itoophiyaan liqaa Chaayinaa irraa akka hin liqeeffanneef sababoota ta’anidha. Hariiroon Itoophiyaan Chaayinaa faana qabdu kun rakkoo Itoophiyaan ji’oo-politikaa fi ji’oo-ekonomi qabdu baayyee ol guddisee jira.

      Koronaa vaayiresii fi Waraana Yuukireenii-Raashiyaa

      Dhukkuba daddarbaa koronaa vaayireesiifi waraanni Yuukireeniif-Raashiyaa gidduutti ta’aa jiru, diinagdee Itoophiyaa miidhaa ture midhaa jiras. Dhukkubni daddarbaa koronaa vaayireesii, daldala biyyoota gidduu jiru haala baayyee ulfaataa ta’een miidheera, miidhaas jira. Daandii daldalaa biyyooni ittiin fayyadaman addaan akka citu godheera. Akkasumas loojistikii irratti miidhaa salphaa hintaane fideera. Akkaa ripoortonni addeessanitti, sababa kooviidiin Itoophiyaatti GDP biyyaa parsantii 4.3 hanga parsantii 5.5 ta’u gad-buu’eera.

      Kun immoo, utubaa diinadgee biyyaattii kan ta’e, sekterra ijaarsaa hedduu miidheera. Adeemsa kanaan immoo qaala’insa jireenyaa fi kaan akka hammaatu godheera.

      Waraanni Yuukireenii fi Raashiyaa gidduu godhamaa jiru immoo daran rakkoo diinagdee biyyattii rakkoo keessa galchee jira. Waraanni biyyoota lamaan gidduutti godhamaa jiru kun immoo rakkoo nyaataafi waantoota nyaataaf barabaachisan biyya alaa keessatti galan rakkoo irra buuseera.

      Rakkooleen kanaan olii ibsaman kunneen immoo, rakkoo qarshii biyyota biroo biyyattii keessatti akka gahaa ta’een akka hin jiraanne godheera. Torbanoota muraasa dura, biyyattii keessa biliyoona dolaara 1.6 duwwaan akka jiru gabaafamaa ture, qarshiin kun immoo torbee sadii hanga ji’aa hojiirra ooluu danda’a.

      Wal-dorgommii ji’oo-polotikaalii gaanfa Afrikaa fi miidhaa Itoophiyaa irra gahuu danda’u

      Yeroo dhiyoo asitti wal-dorgommii ji’oo-polotikaalii gaanfa Afrikaa ta’aa jiru haalaan hammaachaa jira. Biyyi Itoophiyaa fi siyaasni ji’oo-polotiksii gaanfi Afrikaa dantaa itoophiyaa faana hidhata cimaa qaba. Itoophiyaan biyya gaanfa Afrikaa keessatti aragamtudha. Adeemsa haala Ameerikaan gaanfa Afrikaa irra gahaa jirtu kana keessatti, biyyoonni gidduu baha Eeshiyaa ta’an akka Sa’ud Arabiyaa, Yuunayitid Arab Immireetsii, Iraanii fi Tuurkiiyeen dhiibbaa uumuun wal dorgommii cimaa gochaa jiru. Wal-dorgommii biyyoonni giddu galeessaa uuman kun immoo siyaasa gaanfa Afrikaa jijjiiraa jira.

      Siyaasni gaanfa Afrikaa fi Itoophiyaa, ji’oo-polotiksii naannoo sanaa baayyee jijjiiramaa jira. Jijjiramni biyyoota gidduu galaa haala jijjiirama siyaasa gaanfa Afrikaa fidaa jira.

      Itoophiyaan wol-dorgommii biyyoota garee ta’uun karaa pozatiivii fi nagatiivii ta’een dhiibbaan irra gahuu danda’a. Wal-dorgommiin naannoo  galaana diimaa ta’aa jiruun, jechuun garee Saa’ud Arabiyaa,Yuunayitid Arab Immireetsii fi Misirii gama tokkoon fi Iraan-Tuurikiyee gama biraan ta’aa jiru gahee mataa isaa fiidaa jira. Adeemsi biyyoonni saa’ud Arabiyaa, Yuunaayitid Immireetsii, Tuurkiyee fi Iraan dorgommiin Itoophiyaa irratti godhan gama isaniitti fiidachuuf, dhiibbaa mataa isaa biyyattii irratti fida. Biyyoonni wal-dorgoman kun, dantaa ji’oo-polotikaalii mataa isaanii qabu, dantaa wal-fallessu jechuu dha, gareen lamaanuu waranaa mootumman federalaa TPLF faana godhaa jiru irratti mootummaa Itoophiyaa deeggaru.

      Daantaa wal-faallessaa biyyoonni kun godhan fi wal-morkii ji’oo-polotikaalii biyyoonni kun gaggessan, Itoophiyaa irratti rakkoo fiduu danda’a akkasumas rakkoo ji’oo-polotikaalii biyyattiin keessa galte ni hammeessa.

      Fakkenyaaf, biyyi Tuurkiyeenii wal-morkii Misirii faana qabduun, Itoophiyaan karaa Tuurikiyeenii fayyadamtee Misirii dhimmaa laga Abbayyaa irratti dhiibbaa fiduu dandeessi. Gama biraan biyyi Yunayitid Arab Immireetsii gahee geejibaa fi buufta doonii biyya Soomalilaand keessaa qabdu, Itoophiyaan akka fayyadamtufi  buufata doonii jibuutii akka dhiistuuf carraa banuu danda’a. Biyyoonni gaanfa Afrikaa: Eeritiriyaa fi Jibuutii, akka wal-morkataatti wal-ilaalu. Hariiroon Itoophiyaa-Eritiriyaa gidduu jiruufi carraa fayyadamuu buufata doonii somaaliilaandii, kun hariiroo Itoophiyaa fi Jjibuutii miidhuu danda’a.

      Jijjiiramni siyaasa Sudaan bara 2019 ta’e fi dhufaatii mootummaa Sudaan kan mootummaa Misirii deeggarun, jijjiirama ji’oo-polotikaalii dhufuu danda’eera.  Kun immoo deebisee dantaa Itoophiyaa karaa nagatiivii ta’een miidhuu danda’eera. Yeroo dhiyoo asitti Itoophiyaa fi Sudaan wal-dhabdee irra jiru. Wal-dhabdeen biyyoota lamaan kun waantoota dhimma hidha Abbayyaa fi daangaa biyyoota lamaan irrattidha. Garaagarummaan biyyoota lamaan gidduu jiru kun, biyyi Misirii garaagarummaa kana fayyadamtee, wal-dorgommii ji’oo-polotiikaalii biyya Itoophiyaa faana qabdu dhimma Abbayyaa irratti hammeessu dandeessi.

      Walitti bu’insaa fi Jeequmsa

      Walitti bu’insaa fi jeequmsi biyyattii waantota lama qaba, kunis dhiibbaa keessoo fi dhibbaa alaa. Kun immoo rakkoo biyyattii daran hammessee jira akkasumas hariiroo biyyattii haalaan miidhee jira.

      Walitti bu’insa biyyattii keesaa, hariiroo Itoophiyaa fi biyyoota dhiyaa, akkasuma hariiroo dhabbattoota biyyoota dhiya jiran faana jiru rakkoo keessa galchee jira.

      Gamtaan Awuroopanootaa deggersa Itoophiyaaf gochuuf turan, miliyoona dolaarii 109 gochuuf ture bara 2020tti addaan kuteera.

      Mootumman Ameerikaa Jooy Baayideniin hogganamu, qoqqobbii bara bulchiinsa Doonaldi Tiraampiin Ameeriikan keesse  dhimma yookaan lola Kaaba Itoophiyaatti ta’aa jiruun wal-qabatee   itti fufsiiseera. Adeemsa kanaa fi sababa kanaan, Ameerikaan Itoophiyaan AGOA akka hin fayyadamne dhorkiteetti.

      Dhaabachuun deeggersa biyyoota dhiyaa fi dhabbattoota biyyoota dhiyaa kun rakkoo Itoophiyaan keessa jirtu daran hammeessee jira.

      Walitti bu’insii fi jeequmsi biyyattii keessatti ta’aa jiru, biyyattiin akka rakkoo fi wal-dorgommii ji’oo-polotikaaliif akka saaxilamtu godheera. Walitti bu’insi biyyattii keessatti ta’aa jiru. keessumaa waraanni mootummaa federaalaa fi TPLF gidduu jiru, saaxilamuu biyyattii baayyee ol-guddisee jira. Dabalataanis gaheen yookaan barbaadamni biyyattiin dhiimma ji’oo-polotikaalii irratti qabdu gadi bu’eera.

      Gudunfaa

      Kanaafuu, waliitti dhufeenyi jijjiirama ji’oo-polotikaalii fi rakkoon keessoo, rakkoo Itoophiyaan ji’oo-polotikaalii keessa jirtu fiduu fi hammeessu danda’eera. Sababaoota kana irraa kan ka’e, barbaadamummaan Itoophiyaan ji’oo-poloitikaa gaanfa Afrikaa baayyee kufaa dhufeera.

      Itoophiyaan fedhii fi dhiimma ji’oo-polotikaa Ameeriikaa fi dhiimma laga Abbaayyaa irratt Misisr qabuuf beekamtii kennuu qabdi. Mootummaan Itoophiyaa dhiimma guutiinsa riqicha laga Abbaayyaa irratti waliigaltee irra gahuu qabdi.

      Akkasumas tasgabbii biiyyattii keessatti fiduuf, walitti bu’insa biyyattii keeesa jiru furmaata itti kennuu qabdi.

      Rakkoo wal-dorgommii ji’oo-polotikaaliin karaa humnoota Baha Giddugaleessaa itti dhufuu danda’u hambisuuf, biyyattiin hariiroo ishee haalaa fi hubannaan gochuu qabdi.

      Itoophiyaan deeggarsa baayyee barabaachisaa ta’e argachuuf, hariiroo ishee biyyoota dhiyaa waliin keessa jirtu fooyyessuu qabdi.  Rakko jiru furuuf dhiimma dippiloomaasii irratti namoota beekumsaa fi oogummaa dippiloomaasii qaban fayyadamuu qabdi.

      *Hagos Gabreamlaak gaazixeessaa Infoorm Afrikaati.

      Yaadachiisa Maxxansaa: gumaachi kun qaama seeneffama dhaabbatni CARD dargaggoota Itoophiyaa gidduutti marii beekumsa irratti bu’uureffame jajjabeessuuf maxxansiisuuti. Isinis yoo gumaachuu barbaaddan yookaan barreeffama kanaaf deebii kennuu feetan, adaraa karaa iimeelii kanaa barreeffame keessan nuuf ergaa: info@cardeth.org.

Viewing 0 reply threads
Reply To: Itoophiyaan gaaga’ama jii’oo-polotiksii keessatti
Your information: