Itoophiyaan Gaaga’ama ji’oo-polotikaalii keessa jirtii?

Home Forums የወጣቶች መድረክ Itoophiyaan Gaaga’ama ji’oo-polotikaalii keessa jirtii?

  • This topic is empty.
Viewing 0 reply threads
  • Author
    Posts
    • #4176 Reply

      Barreessituun Qaalkidaan Muuluu Bitaaw

      Itoophiyaan waggoota afur darbaan ca’umsa keessa turte. Ca’umsaa fi haaromsi kunis  immoo  muummicha ministeeraa Abiy Ahimed (PhD) gara angootti dhufuu fi haroomsa keessoo paartii biyya bulchuu irraa madde. Ce’umsa jechuun jijjiirama yeroo fanaa walqabatee fi wantoota baayyee murtessoo ta’an keessa yeroo darbamudha. Jijjiirama akkaa hawaasa, diinagdee fi siyaasa keessa yeroo darbinudha.

      Barruun Hagos Gabramalaakiin barreeffame ji’oo -polotiksii akka biyyaa fi naannooti jiru ibsuuf yoo tahu akkaataa Kanaan  Itoophiyaan yeroo ammaa kanaatti kka gaaga’ama ji’oo-polotiiksii keessa jirtu addeessa. Dabalataanis Itoophiyaan akka rakkoo ji-oo-polotiksii keessa jirtu fi barbaachisummaan ishee kufaa jiru sababoota garaagaraa eeruun ni ibsa. Itoophiyaan barbaachisummaan ishee ji’oo-polotiksii naannoo isheettii qabdu kufaa kan dhufe sababoota keessoo fi alaan irraa kan ka’e akkaa ta’e ni ibsa. Barruu isaa keessaatti barreessichi olaaantummaa ji’oo-polotiiksii naannoo sanaa keessatti qabdu gadi bu’aa jira jedha. Sababoota inni ibse keessaa rakkoo hidha Abayyaa fi dhiibbaa biyyoota alaan irra gahe, jijjiiramuu dantaa Ameeriikaa gara Indoo-paasfikitti goruu fi jijjiirrama biyya Ameerikaa keessatti ta’e, fedhiin Itiyoophiyaadhaaf liqaa lachuu Chaayinaa kufaa dhufuu, rakkoo koronaa vaayirasiin fidee fi wal-waraansa Yuukireen fi Raashiyaa, wal-dorgommii ji’oo-polotikaalii fi rakkoo keessoo Itoophiyaa fi jeequmsa biyya keessa akka sababaatti ni ka’a.

      Barreessichi rakkoo Itoophiyaan keessa jirtu akka rakkoo keessoo biyyaa fi rakkoo addunyaan keessa jirtuutti kaa’a. Barruun isaa kun fedhiin akka na keessatti  uumamu fi  akkasumas akka deebii isaaf barreessu na kakaaseera, rakkoo biyyi koo keessa jirtu fi bakka isheen itti deemtu akkan hubachuu qabu na kakaaseera.

      Barruu barreessichi barreesse keessatti adeemsa seenaa  Itoophiyaan keessa darbite bara  mootummaa haaraa kanaan ni ibsa. Akkasumas haala Itoophiyaan deggarsa warra dhiyaa fi dhabbilee mallaqaa irraa itti dhabde ni ibsa. Akka ani hubadhutti, hidhi guddichi Abbayyaa piroojeektii biyyattii isa guddaadhaa fi akkasumas haroomsa diinaagdee biyyattiif utubaa gudhaadha. Yaada inni dhimma mallaqaa dhorkachuu Ameerikaa fi dhabbilee mallaqaa adduunyaa kaase dhimma hidha guddicha Abbayyaa faana hidhata akka qabu fi akkasumas sababa Itoophiyaan hidhaa guddichaa Abbayyaa guutteef kan maallaqaa irraa dhorkan jedhu anis ittan waliif gala. Sababni isaa biyyi dhimma kana mormaa jirtu biyyaa Ameerikaan haajaa jabduu irraa qabdu biyya Gibxi waan taateef. Ameerikaan sababa Gibxiin  deeggartuuf sababa isheen  dantaa isaanii naannoo Afrikaa fi jiddu galeessa Eeshiyatti isaaniif eegsistuufidha. Dabalataas Gibxi dhiibbaa Itoophiyaan gaanfa Afrikaa irratti qabdu baayye sodaatti. Sababa kanaanidha warri dhiyaa dhiibbaa cimaa Itoophiyaa irratti kan uumaa jiran. Haa ta’u iyyuu malee, deeggarsi biyyoota Afrikaaf godhamu rakkoo isaanii furuu baatus, battalumatti carraa kana keessaa yoo basan, yoo biyyattiin gama siyaasaaa fi diinaagdeen ol guddachuu fi waanta kana haalaan hin dhorkan taanaan rakkoo hamaa keessa isan galcha. Jabinni akka biyyatti, keessumaa of danda’uun gama dinaagdee fi siyaasaa baayyee murteessadha, Haa ta’u iyyuu, hariiroo wal-xaxaa biyyotaa fi siyaasaa adduunyaa irraa kan ka’ee gaaga’ama ji’oo-polotiksii ni uumama, akka inni barruu isaa keessatti ibsetti karaa tarsiimoo haalaan hin qabamu taanaan rakkoo hamaa kessa gasha. Barrun isaa rakkoo hidha guddicha Abbayyaa fi wantoota isaan wal-qabatanii dhufaniin Itoophiyaan dhiibbaa keessaa galteetti. Keessumaa wal-waraansi mootummaa feederalaa fi Adda Bilisa Baasaa Tigiraay jidduutti ta’e hariiroon Itoophiyaa fi warraa dhiyaa akkasumas dhabbilee maallaqaa addunyaa jiddu rakkoon akka uumamu godheera. Haa ta’u iyyuu waliin hasaawun sadarkaa barbaachisumma ji’oo-polotikaalii keenyaa otoo hin midhiin waliin hasawuun baayyee barbaachisaadha. Rakkoo biyya keessoo sirreessunis bayyee barbaachisaa fi hojii manaa keessaa isa jalqabaadha.

      Beektonni baayyeen deeggarsii fi liiqaan Chaayinaan biyyoota Afirikaaf  gootu rakkoo dafee furuus, adeemsa keessa garuu rakkoo guddaa fida. Yaada fi qorannoo Hagos faana otoo wali-galuu dhimma rakkoo yeroo dhiyoo ji’oo-polotikaalii fi ji’oo-ikonomiksii, deeggarsa rakkooo biyyattii baroota dhufaniif furmaata fida jedhee hin amanu. Baroota darban keessa deeggarsa doolaara Ameerikaa biliyoona soddoma argannus, rakkoo diinagdee keessaa bahu hin dandeenye, akkasumas diinagdee cimaa akka ijaarranu nu hin goone, sababoota kanaaf biyyi keenya ammas biyya deegarsa irratti hirkattuu kan taate. Mootummaan Iyaadig deeggarsa Chaayinaa irraa fudhateen haalaan otoo hin fayyadamiin hafe kun immoo yoo dhoorka liqii biyyoota warra dhiyaa faana dorgomsiisne, bu’aa maleessadha, garaagarummaan liqii argachuu fi dhabuun jijjirama inni keessoo biyyattii keessaa fidu guddaa miti, akka nama daandii ijaarsaa irratti hirmateetti, waanti baayyee na yaaddessu baayetu jira. Adeemsi Chaayinaan daandii hojjattu, maallaqa ijaarsa hawaasaa itti gootu fi beektonni ishee hirmaatanitti waanta biyyi kun argachuu akka hin arganne godha, keessumaa ijaarsa dhaabbilee gurguddaa biyya keessaa haala ittiin ijaartu waan baayyee hubachuu danda’eera. Hirkattummaa oogummaa, beekumsa biyyoota biroo irraa argattu akka biyyattiin beekumsa hin horanne gochaa jira. Biyyoonnii fi kaampanoonni biyya keessa seenan beekuumsa lammilee Itoophiyaaf hin dabarsan. Beekumsa lammilee Itoophiyaaf warrii kaampaanonni biyya keessaa galanii hojjatan dabarsaa jiru kan jedhu bayyye nan shakka ittis hin amanu.

      Jijjiramni diinaagdee biyyattii keessatti ta’aa jiru keessumaa “Hoom giroow Ikonomik riiform” jalqabamee rakkoo addunyaa kan ta’e koronaa vaayirasiin sadarkaa barbadamu irra akka hin geenye dhorkeera. Seekitariin turizimii bakka mootummaa haaraan xiyyeeffannoo guddaa  itti kenname keessa isaa tokko. Garuu rakkoon koronaa vaayiresiin fide seekitara kana baayyee miidhe. Hagos barruu isaa keessatti rakkoo koronaa vaayireesiin fide akka rakkootti kaaseera garuu, rakkoon koronaa kun rakkoo akka addunyatti dhufedha malee rakkoo Itoophiyaa duwwaa miti.

      Mootummooni gamtooman akka ibsetti waraana Yuukirenii fi Raashiyaa jidduti ta’en akka addunyaatti qaala’insi jireenyaa baayyee hammaataadha.

      Akka gabaasa miidiyaa riyootersitti, hogganaa mootummaa gamtoomanii damee deeggrsaa eruun gabasetti, ijoolleen gara miliyoona lama ta’an naannoo gaanfa Afrikaa rakkoo beelaa keessa jiru, beelli amma naannoo sanatti ta’aa jiru hongee baayyee jabaa wagga kudhaan darban kana keessatti ta’ee hin beekneedha.

      Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaan biyyoota hoongee kanaan miidhamaa jiraniidha, hangeen amma isaan mudate kun kan waggoota afurtamaa oliif isaan mudatee beeku keessaa isa hamaadha.

      Akka Fooramiin diinagdee addunyaa gabaasetti Afrikaan gara 60% ta’u daandeettii lafa qotisaa qabdi garuu nyaata baayyee biyya  alaa irraa garaa keessaatti gashiti. Raashiyaa fi Yuukreen  nyaata qamadii addunyaa graa 30% gara addunyaatti rabsu. Akkasumas Raashiyaan gara 13% ooyiruu addunyaaf dhiyeessiti, yuukireen immoo zayita nyaataa adduunyaaf ta’u 50% dhiyeessiti.

      Waraanni keessoo Itoophiyaa qotee bultoonni akka lafa isaanii hin qotanne, xiyyeeffannoo isaanii gara waraanaatti akka godhan godheera. Kun immoo nyaata gahaa akka hin oomishne isaan godhera. Haala gaarii ta’een qootisa lafa isaanii irratti qotachuu dhabuun qootee bultootaa rakkoon nyaataa biyyattii akka muudatu godheera. Dabalataanis waraanni Yuukireenii fi Raashiyaa jidduutti gaggeeffame gama isaatiin rakkoo nyaataa biyyattii keessatti akka uumamu godheara.

      Akka barruu irratti ibsuuf yaaletti, rakkoo hin hubatamne akka addunyaatti nu muudate fi rakkoo hawaasaa fi rakkoo siyaasaa biyya keessoo, barbaachisummaa ji’oo-polotikaalii Itoophiyaa gadi-buuseera kan jedhutti waliin gala. Waanti ani itti walii hin galle, wanta Hagos Itoophiyaan deeggarsa argachuuf  yaaliifi walii galtee gochuu qabdi jedhe kaasedha. Hagos akka jedhetti mootummaan Itoophiyaa dhimma guutinsa hidha guddicha Abbayyaa irratti walii-galtee irra gahuu qabdi jedhee yaada Yaada isaa kana faana walii-hin galu,  sababni isaas waanta tarsiimoodhaan  ilaalamuu qabudha jedhee waanan amanuufi sababa furmaata yeroo dhiyoo caalaa, waanta gara fuula-duraa nutti fidu ilaaluu qabna, dhimma walii-galtee dura. Carraa innii diinagdee fi siyaasa biyyaatti irratti gara fuula-duraatti fidu danda’u ilaaluu qabna.

      Barreessicha sadarkaa lammaffaa irratti Itoophiyaan hariiroo ishee biyyoota biraa wajjin qabdu  madaalawaa ta’uu qaba jedhudha. Yeroo amma kanatti biyyi qofaa taatee jiraattu hin jirtu, kanaafuu biyyi kamuu hariiroo isanii biyyoota kaan faana qabdu sirriitti ilaaluu qabdu. Sababa barbaachisummaa ji’oo-polotikaalii isaanii eeguu qabaniif. Akka biyya birmadummaa qabduutti, hariiroonii fi walii-galteen Itoophiyaan biyyoota kaan faana galtu dantaa biyyaa kan eegsise ta’uu qaba. Michuu biyyoota gurguddoo ta’uun dura waanta sirriitti ilaaluu qabnutu jira. Yoo sirritti ilaallee Itoophiyaan biyya guddoo ta’uu dandeessudha. Itoophiyaa poolisii cimaa baafachuu qabdi, biyya guddoo adduunyaa fi naannoo ishee ta’uuf.

       

       

      * Qaalkidaan digirii jalqabaa ishee jalqaba siviilii fi environmental injineerigin xumurte ,yeroo Ammaa kanaatti immoo digirii lamaffaa ishee Afrikaan Isteediis (damee Huumaan and ikoonoomik develooppimentii) barachaa jiriti. Qaalkidaan dhiimma biizinesii Afrikaa irratti fedhii guddaa qabdi. Akkasumas hojii waajjira dhuunfaa garaagaraa keessa hojjatti.

       

       

Viewing 0 reply threads
Reply To: Itoophiyaan Gaaga’ama ji’oo-polotikaalii keessa jirtii?
Your information: