Jijjiiramaa fi Itti Fufinsa Polotikaal Ikkoonoomii Itoophiyaa

Home Forums Waltajjii Dargaggoota Jijjiiramaa fi Itti Fufinsa Polotikaal Ikkoonoomii Itoophiyaa

  • This topic is empty.
Viewing 0 reply threads
  • Author
    Posts
    • #4234 Reply

      Naataan Ballaxaatiin

      “Hayyoonni diinagdee moodelii ikkoonoomii duwwaa beeku otoo hin ta’iin, siyaasa, dantaa, walitti bu’insaa, fedhii fi jireenya waloo hubachuu qabu. Yeroo dhiyoof jijjiirama labsiidhaan fiduun ni danda’ama garuu jijjiiramichi akka itti fufuuf tokkummaa fi walitti dhufeenya ijaaruun baay’ee barbaachisaadha. kanaaf immoo nama siyaasaa ta’uu qabda” (Buscaglia,204:43). Ilaalchi kun immoo hariiroo siyaasni fi diinagdeen qaban agarsiisa. Akka siyaasi fi diinagdee qaama santima tokkoo ta’anitti ibsa. qaama tokko hambisanii qaama biraa hubachuun hin danda’amu. Lamaanuu hubachuuf qaamni lachuu wal-utubuu qabu. Yaadni siyaasaa fi diinagdeen gara yaada polotikaal-Ikkoonoomiitti nama geessu. Gabaabumatti, Polotikaal-Ikkoonoomii jechuun hariiroo polotikaa fi ikkoonoomiksii jechuudha. Siyaasni dhiibbaa diinagdee irratti uuma, akkasumas diinagdeenis siyaasa irratti dhiibbaa uuma.

      Hariiroon siyaasaa fi diinagdee jidduu jiru biyyoota afrikaa keessatti qisaasummaan akka babal’atu taasiseera. Bakkaa aangoon siyaasaa qaamota muraasaa sooressa godhutti hariiroon siyaasaa fi diinagdeen qaban rakkoodha. Adeemsii fi hariiroon kun immoo niyoo-paatiroonii diinagdee afrikaa Akka miidhuuf carraa baneera. Diinagdeen Afrikaa sirna niyoo-paatirooniin ibsamu godheera. Sirni niyoo-paatirooniin kun immoo hidhata dantaan sosocha’u akka uumamu godhera. Sirna dantaan wal-hidhatte keessatti qabeenyi kan hiraamu wal-beekumsaanidha (Francisco,2010). Sirni akkasii kun immoo waanta itoophiyaa keessatti uumamaa jirudha. Itoophiyaan bara Iyaadigitti waanta sirna kaan irraa bilisa taate miti, namoonni muraasa diinagdee biyyyattii murteessuu keessatti gahee guddaa qabu. Biyyaattin sagantaa develooppimentaalii istaatii hordofti.

      jijjiirama bara 2018 wal qabatee,warshalee fi dhabbattoonni daldalaa gara qabeenya dhuunfaatti jijjiiruuf adeemsi jalqabee ture. Adeemsi gara dhuunfaatti deemamaa ture kun immoo namoota baa’yee adeemsa haaroomsaa kana hordofaniin haala adda ta’een simatamaa ture. Haa ta’u iyyuu namoota baa’yee biratti immoo shakkii uumee ture. Akka ani amanu immoo, kun rakkoo poolisii fi itti fufinsa Iyaadigidha kanaafuu itoophiyaan jijjiirama tokko iyyuu malee bakkuma developimentaalii isteeti Sanaa jiriti. Akkasumayyuu bakkuma dura turte hin jiritu, xiqqoo duubatti deebitee jiriti. Kanaafuu waanti gochuu qabnu gara moodelii develoopimentaalii isteetiitti jijjiiruun baa’yee barbaachisa. Dabalataanis rakkoon iyaadigin uumame fi paartiin badhaadhinaa ittuma fufee jira.

      Iyaadig fi Develoopimentaalii Isteetii

      Develoopimentaalii isteeti jechuun yeroo biyyiittiin dhiimma diinagdee keessatti harka cimaa galfattee waantoota tokko tokko irratti tarkaanfii fudhattu fi adeemsa diinagdee biyyaa yeroo bochudha”(Caldentey,2008:28). Kun immoo carraa jabaa polotikaalii ikkonomii itoophiyaa yeroo Iyaadig ture, Sagantaan kun immoo poolisii diinagdee biyyolessaa itoophiyaadha (Fantini,2013). Sagantaa developimentaalii isteetii fayyadamuun itoophiyaa guddina diinagdee jabaa ta’e agarsisitee turte. GDP biyyaa parsantii 10% oliin waggaa kudhaan keessatti ol guddachuu jalqabdee turte. Sadarkaan hiyyumma biyyatti paarsantii 44% irraa garaa paarsantii 30% gadi-bu’ee ture. Sadarkaa Ol ka’een immoo hojii dhabdummaan biyyatti furmaata argatee ture. Hojii dhabdummaan kun immoo paarsantii 3.5% irraa gara 2.3% gadi bu’ee ture waggaa wal fakkaatuun. Haa ta’uu iyyuu guddinni biyyattii kun immoo carraa dimookiraasii cuufuudhaan kan dhufe ture. Adeemsi diinagdeen biyyattii itti dhufe kun immoo karaa diinagdeen itti dhimmaa nageenyaa akka ta’utti gorfamee kan dhufeedha. Guddinni biyyaa dimokiraasii kan dursee ture. Kanaafuu biyyattiin carraa dimokiraatessummaa qabaachuu hin dandeenye ture.

      Kanaaan dabalatee immoo, rakkoo hoggansaa gama diinagdee biyyattiin qabdu baa’yee qisaasa’uu danda’ee ture. Qabeenyi hawaasaa kun immoo haala adda ta’een manca’uu danda’ee ture. Fakkeenya qisaasa’uu kanaaf immoo Hidhaan Guddicha Abbayyaa isaa tokkodha. Yeroo dhagaan bu’uuraa hidhaa guddicha Abbayyaa lafa kaa’ametti, Hidhichi waggaa toorba keessatti xumurama jedhanii turan. Kanaan dabalatee immoo, hidhicha akka hojjatamuuf itti gaafatamummaan kan kennameef immoo Meetek ture. Hidhichi kun immoo maallaqa biyyaa keessaan kan hojjatamu ture. Maddi maallaqa kanaa immoo lammilee biyyattii irraa kan argamu turedha. Garuu hidhaan kun immoo waggaa qabametti xumuraamuu hin dandeenye ture. Haalli kun immoo lammilee biyyatti irratti muufannaa uumuu danda’ee ture. Mufannaan kun immoo hoggantoota saba tigree ta’e irratti kan fuulleffate ture sababa bara sana dhiibba aangoo irratti qaban irraa kan ka’een.Muufannaan kun immoo hojii dhabdummaan kan utubame ture. Hojii dhabdummaan dargaggoota kana mormii  ture irratti dabalamee bara 2015 hanga 2018 mormii wal irraa hin ciinne gaggeessaa turan.

      Adeemsa Develoopimentaalii Isteeti irraa garaa poolisii kan biraatti

      Mormiin biyyattii guutuu keessatti gaggeeffamaa ture dhufaatii Abbiyi Ahimed garaa aangootti bara 2018 ta’een dhaabbatee ture. Adeemsi jijjiiramaa kun immoo carraa dhabolii diinagdee gara qabeenya dhuunfaatti jijjiiruuf kan godhamedha. Kana bukkeetti immoo siyaasa biyyattii haaromsaa turame. Adeemsi haaromsaa kun immoo hidhamtoota siyaasaa hiikuu irraa wajjira telekoominikeshiin harka nama dhuunfaafi carraa banuutti kan deemedha. Adeemsi haaromsaa kun immoo lammilee biyyattii hedduu biratti fudhatama aragachuu danda’ee ture. Kanaan dabalatee immoo yakkamtoota qabeenya hawaasaa irratti midhaa geessisan gara seeraatti dhiyessun kun immoo abdii guddaa ummata biyyatti biratti uummuu danda’ee ture.

      Karoora diinagdee biyyattii waggaa kudhan irratti itoophiyaan gara diinagdee gabaa bu’ureffatte itti akka jijjiirtu adeemsistee turte. Adeemsi jijjiiramaa kun immoo sektarii dhunfaatti kan bu’ureffate ture. Adeemsi jijjiiramaa kun immoo wantoota akka libiralizeshin fi pirayivetayizeshiin gamaa telekominikeshiin fi koorporeshiin warshaa sukkaraatti kan fuullefate ture. Haaluma wal fakkataa kanaan dinaadgeen biyyattii waanta kana fakkaatu keessa darbaa jiriti bara 2018 irraa kaasee. Mootummaan abbolii qabeenya dhunfaa akka diinagdee biyyaatti irratti hirmaatan jajjabeessaa jira akka guddinni diinagdee biyyatti dhufuu fi hojii dhabdummaan biyyattii keessa jiru akka hir’atuuf. Adeemsi kun immoo haalaan hojjachaa jira, bara 2020/2021 galii gara doolaara ameerikaa biliyoona 3.9 aragachuu dandeesseetti. Galii bara kana aragame immoo galii bara isaa duraa ni caala.

      Jijjiiramni gama diinagdee baroota jalqabaa rifoormii jiraatus, yeroo jalqabaaf mootummaan ce’umsaa rakkoo lama isa mudachuu danda’ee ture. Inni jalqabaa rakkoo Koovid-19 wal qabatee dha. Inni lammaffaa immoo walitti bu’insa TPLF waliindha. Rakkoon dhukkubaa kovidiin dhufe kun diinagdee biyyattii baay’ee miidheera. Rakkoon koovid kun diinagdee magaalaa keessa jiran baay’ee miidheera. Akka gabaasa Woorlid Baankiitti gara parsantii 42 ta’an dhabbilee bizinessii akka cufaman sababa ta’eera. Magaalota biyyattii keessaa Addis Ababaa dabalatee rakkoo hamaa diinagdee biyyattii irratti fiideera. Gara parsantii saddetii kan gahu immoo namoota hojii malee akka ta’an godheera. Dhabbileen diinagdee gara parsantii lama ta’an immoo carra hojii banuu danda’aniiru. Rakkoon koovid diinagdee biyyaattii irratti fiide irra caalaan namoota hiyyeessa biyyatti baay’ee miidheera. Rakkoo diinagdee biyyattii irratti gaaga’ama guddaa kan geessise immoo wal-waraansa waliin naannoo kaaba itoophiyaattii ta’edha. Wal-waraansi mootummaa feederalaa fi TPLF jidduu ture rakkoo diinagdee biyyattii koovidiin miidhamtee turte daranuu akka miidhamitu goodhera. Wal-waraansi mootummaa fi TPLF Jidduu  jiru waan xumurame hin fakkaatu, kan itti fufaa jirudha. Mootummaan feederalaa adeemsa seeraa kabachiisuu toorbe sadii jedhee jalqabe waggaa tokko ol deemeera. Wal-waraansi qaamotii lamaan jidduutti gaggeeffamu kun bu’uralee hawaasaa baay’ee miidhe. Wantoota kanaafi kan kana fakkaataniin diinagdeen biyyattii baay’ee miidhamee jira, kanaan dabalatee immoo qaala’insi jireenyaa baay’ee rakkisaa ta’eera.

      Jijjiirama moo Itti Fufiinsa?

      Bara 2018 kaasee itoophiyaan jijjiirama adda ta’e waggoota 27 keessatti argitee hin beekne argite. Bilisummaa fi dhabbilee diinagdee gara dhuunfaatti akka dhufan fi abbootiin qabeenyaa akka hirmaatan gooteetti, waanti kun immo waggota 27 kessatti waan hin yaadamne ture. Adeemsa gara jalqabaa irratti haaromsi ture namoota bayyeen simatamee ture sababa poolisii developimentaalii isteetii irraa gara liberalizimii biyyattin jijjirama diinagdee gooteen. Poolisiin diinagdee liberalism hoordofuu kun immoo carraa hojii ni bana jedhamee abdatamee ture. Akkasumas garaa garummaa hiyyessaa fi sooreessaa ni hiri’isa jedhame abdatamee ture. Abdiin kunis yeroo Iyaadig maqaa isaa garaa paartii badhadhinnatti jijjiiru abdii guddaa horee ture. Mootumman proojeekitii magaaloota fuulleffatte jalqabee ture, keessumaa kana akka shaggarii bareechisuu, kun immoo carraa hojii baanuu, miidhama qilleensaa tasgabeessuu fi tuuristoota hawwachuu kan fuulleffate ture. Kutaa biyyaa yookaan badiyaa keessatti immoo mootummaan waajjiraalee miti-mootummaa faana waaliin ta’uun rakkoo akka wal-hormataan wal-qabatanii dhufan irratti hojjachaa jiru.

      Barri iyaaadig kun adeemsa kanaan kan dhumatedha. Garaagarummaaan iyaadig fi mootummaa ammaa jidduu jiru baay’ee xiqqoodha. Jijjiiramoonni muuraasa jirachuu isanii otoo jiru iyyuu, ammas rakkoon bara Iyaadig ture ammas ittuma fufee jira. Qaamoonni mootummaa duraa irraa fayyadamaa turan ammas hattummaa isanii ittii fufaniiru, mootummaa ammaa kana irraa haala kanaan fayyadamaa jiru. Garaagarummaan sirna dhabbilee lamaan jidduu hin jiru. Hojii dhabdumman haala addaa ta’en dabaleera. Baratoonni barnoota olanoo irraa eebbifamanii bahanii waggaa gara waggaa dabalaa jira garuu carraa hojii uumuun gama mootummaan barattoota eebbifamanii bahan wajjin wal-hin gitu. Baratoonni baay’ee humna hojiif ta’u otoo qabanii hojii hojjachaa hin jirna. Mootummaan paarkilee hoojjachuus, haalli jireenyi uummataa tokko iyyuu hin jijjiiramne. Kana irratti immoo qala’insi jireenyaa baay’ee rakkisaa ta’eera. Wantoonni kun immoo bara mootummaa Iyaadig iyyuu waanuma jiran turan. Haalli kun immoo jijjiiramaa fi itti fufinsa bara 2018 asitti mul’atanidha.

      Mufannaa Uummataa

      Jijjiiramni bara 2018 jalqabe waggoota kudhaniin dura adeemsa jalqabedha. Adeemsi gara guddina diinadgeetti deemamu immoo faallaa isaa deemaa jira. Itoophiyaan haalli amma keessa jirtu haalaa adeemsa jijjiiramaa dura turte caalaa rakkoo hamaa keessa jiriti. Uummanni biyyattii mufannaa ciima keessa jira sababa qaala’insa jireenyaa irraa kan ka’een. Namoonni baay’ee immoo hojii dhabdoota ta’anii jiru, kaan immoo hojii isanii irraa ka’aa jiru. Qaala’insi sadarkaa biyyaatti parsantii 34.7 ture yeroo bitootessa fi parsantii 43.4 wantoota nyaataa irraa gara parsantii 33 fi parsaatii 41 ji’oota duraa irraa dabaleera.Qaala’insa jireenyaa kana sirreessuuf mootummaan taarkanfii barabachiisa ta’e fudhachuun irraa egama, rakkoo biyyattiin keessa jiritu fooyyeessuu qaba. Garuu mootummaan wantoota fallaa ta’an gorsa kan akka muuzii nyaachu, daabboo nyaachuu fi kuduraa fi muduraa mana ofiitti dhaabanii soorachuu gorsa. Adeemsii fi tarkaanfiin kun immoo ummattoota biyyatti baay’ee kan mufachiisedha.

      Namoonni baay’ee dura mootumicha aja’ibisiisachaa fi deeggeraa turan, amma adeemsa mootummaa kanaa ni qeequ, ni baacu akkasumas rakkoo biyyattii furuu dadhabuu mootummaa ni qeequ. Yaadi mummicha ministeeraa dhimma muuzii nyaachuu kana irratti haasawaa godhe, sooshaal miidiyaa irratti keessumaa tikii took irratti akka bacootti kan rabsaamaa ture. Haalli muuziin itti nyaatamu hedduu sooshaal miidiyaa irratti rabsamaa ture bifa bacootiini. Ayyaana yeroo dhiyootti darban keessatti, keessumaa faasikaa fi Eid al faaxir irratti namoonni baay’ee muuzii otoo qalanii viidiyoo waraabanii sooshaal miidiyaa irratti rabsaa turan wal fakkeenya qalama sangaa fi hoolaa faana wal fakkeessuuni.

      Furmaataalee?

      Guddina biyyattiin yeroo dhiyoo keessatti galmeessiasa turte, garuu bara 2018 irraa  guddina biyyattiin galmesissaa turte gadi bu’eera parsantii gara 6.1 bara 2020tti. Itoophiyaan yeroo ammaa kana gaaga’ama diinagdee keessa jiriti gaaga’ama diinagdee kana dabaltee rakkoo siyaasaan goolaamaa jiriti. Qaala’insi jireenyaa immoo guyyaa guyyaan baay’ee dabalaa jira, mootummaan immoo rakkoo kana furuuf baayyee rakkachaa jira. Kun immoo jijjiiramaa fi itti fufiinsa mootumman kun fidedha.

      Jijjiirama dhufe irraa kaanee yeroo ilaallu, Pooliisii liibiralizimii fiiduun kun baa’yee garii akkasuma kan ajaa’ibsisamudha carraa innii guddina diinagdee fiiduu qabu irraa kan ka’e. Garuu pooliisin liibiralizimii kun itoophiyaaf kan ta’u miti. Diinagdeen itoophiyaa kuufatii ciima keessa jira, kuufaatiin kun immoo poolisii liibraliziiimin sirreessuun ni ulfaata, rakkoo dura tures carraa baay’ee hammeessuu qaba, akka hogganaa itoophiyaa duranii Malles jedhetti,wal-tajjii woorlid Ikkoonoomik form bara 2012.Bu’uuaralee haawaasaa kan akka daandii, ibsaa fi geejibaa, carraa diinagdee biyyattii ol kaasuu qaban kun galii isaan argamsiisan danda’a gadi bu’uu danda’a yoo abbootii qabeenyaa dhuunfatti yoo dabarsamanii kennaman. Yoo mootummaan bu’uuralee haawaasaa kana abbootii qabeenyaaf kenne guddina diinagdee biyyattii kana irratti rakkoo guddaa fiida. Kanaafuu adeemsi libiraalizimii kun haalaan sirritti ilaalamuu qaba, mootummaan diinagdee biyyattii sirriitti hogganuu qaba diinagdee biyyattii tarkaanfachiisuuf.

      Karaa biraan immoo itti fufinsi akkuma jirutti, Paartiin Badhaadhinaa garaagarumma Iyaadig faana qabu baay’ee xiqqoodha, rakkoo iyaadig muudate ammas paartii badhadhinaa mudachaa jira. Hoggantoonnii fi kaadiroonni paartii iyaadig keessa turan ammas paartii badhaadhinaa keessa jiru. Namoonni kun immoo dantaa ofii isanii guuttachuuf kan dhufan malee rakkoo ummataa fuuruuf fedhii xiqqoo qabu. Kanaafuu namoota kanaan hogganamaa jijjiirama fiiduun hin danda’amu. Uummanni adeemsa keessa hiriira mormii bahun isaa waan hin oolledha kun immoo mootummaa jijjiiruu danda’a. Mootummaan rakkoo kana furuuf tarkaanfii fudhachuu qaba. namoota fedhii dhuunfaa isaanii guuttachuuf gara paartiitti seenaan baasuu fi arii’uu qaba. Namoota feedhii dhuunfaa oofi isaanii guuttachuuf galan namoota fedhii uummataa fi dantaa biyyaa dursaniin guutamuu qaba hoggansi biyyaa. Rakkoo diinagdee biiyyaa haala kanaan furamuu danda’a.

      Publisher’s Note: This contribution is part of a series of stories CARD publishes to encourage intellectual discourse among the youth in Ethiopia. If you want to make contributions or respond to this particular piece, please email your draft to us via info@cardeth.org.

Viewing 0 reply threads
Reply To: Jijjiiramaa fi Itti Fufinsa Polotikaal Ikkoonoomii Itoophiyaa
Your information: