Jijjjiramaa(?)fi Garaa duwwaa

Home Forums Waltajjii Dargaggoota Jijjjiramaa(?)fi Garaa duwwaa

  • This topic is empty.
Viewing 0 reply threads
  • Author
    Posts
    • #4225 Reply

      Barreessitun Fikiir Getaachoo*

      Ce’umsa siyaasaarratti hiikaan waliigalaa jiraachuu baatus, O’Donnell fi Schmitter hiikkaa ce’umsaa, ” Daangaadha, karaa tokko mootummaa abbaa irree guutummaa guutuutti aangoorraa buusuu yoo ta’u. Karaa biraa immoo, Sirnoota dimookiraasii ijaaruu, seerota abbaa irree haaraatti deebi’uu yookiin uumamuun qabsoo filannoo ta’uu malu.” Jechuun kaa’u.

      Taatee addunyaa keessatti dhimma bajata mootummaa sirnoota abbaa irree murteessuu irratti hayyoonni yeroo jijjiirama dimookiraasiif wawwaatan ni mul’ata. Raabsa(addaan qoodiinsa) qabeenyaa walqixa hin taaneefi carraa qabeenya horachuu, akkasumas fandii uummataa to’achuun hundi hariiroo hawaasa waliin qaban ijaaruu(irra-deebiin) fi jijjiiruu keessatti gahee mataa isaanii taphatu. Kan Itoophiyaas kanarra adda miti. Dhugummaatti, qabsoon baroota hedduu hamma 2018tti biyyatti raasaa ture rakkoo siyaasaafi bulchiinsaa kan ta’e waa’ee raabsaa(addaan qoodiinsa) qabeenyaa kana ture.

      Yeroo baay’ee mootummaan abbaa irree tilmaama ijoo nama dhuunfaa (fi hawaasaa) hin guutu akkasumas hariiroo fayya-qabeessaa mootummaafi uummataa akka laayyootti ilaala. Kanarraa kan ka’e, warreen jijjiirama mootummaaf wawwaatan walumaagalatti, warra tajaajila mootummaan kennurratti hundaa’uun hariiroo mootummaafi uummataa haaraa,cimaafi fudhatamummaa qabu, uummata sirnoota darban keessatti miidhaman bakka bu’insa akka argataniifi qajeelfama fayyadamummaa walqixa irratti hundaa’eefi kabajamuu seeraa barbaadanidha.

      Kanaafuu, mootummaan ce’umsaa imaammata dinagdeefi hawaasummaa hunda-hammataa ta’eefi rakkoo caasaalee irratti mul’atu hubachuun baay’ee murteessoodha. Kun immoo hogganaa jijjiramichi barbaaduu hanga caasaa aangoo hawaasa keessatti irra deebi’anii ilaaluu hammata. Kana yeroo jennu immoo nama siyaasaa aangoo qabate qofa osoo hin taane, raabsaa(addaan qoodiinsa) qabeenyaafi carraa qabeenya horachuu kan of keessatti hammate jechuu keenya.

      ADWUIfi Guddina Biyyaa.

      Seenaa keessatti siyaas-dinagdeen Itoophiyaa hamma mootummaan ADWUI gara aangootti dhufu duratti aangoo siyaasaa gidduu-galeessaan hogganama ture. Haa ta’uutii,  baasii gidduu-galeessummaa jalaa baasuuniifi galii mootummaa immoo gidduu-galeessa gochuun faayidaa isaarra miidhaa isaatu caala.

      ABUT/ADWUI’n yeroo bosona turanitti ilaalcha Maarkiizimii-Leeninizimii ciminaan hordofaa turanis xumura waraana ololaan(Cold-war) booda humni addunyaa waan geeddarameef imaammata isaanii irra deebiin ilaaluun jijjiiruuf dirqamaniiru. ADWUI’n bara 1991 yeroo gara aangoo dhufetti aarjomtota irratti hirkatoo ture. Dinagdeewwan dhaabbatanii turan lubbuu itti horuuf tarkaanfiiwwan garagaraa fudhachuu eegale, invastmantii dhuunfaarratti wantoota gufuu ta’an kaasuufi ololaafi ilaacha liberaalotaa cinaatti dhiisuun gahee gabaan qabu jabeessuu eegale.

      Haa ta’u malee, Bara 2001n booda ADWUI’n ejjennoo mootummaa misoomaa(developmental state) akka dinagdee misoomaatti bocuun dhiibbaa arjomtootaa hir’isuun imaammata dinagdee Itoophiyaa haaraa bocuu danda’eera. Ta’us, Itoophiyaan gaanfa Afrikaatti michuu amanamoo warra Lixaafi gargaarsa alaa akka waliigalatti fudhachuun akka addunyaatti biyya lammaffaa ta’uun itti fufteetti.

      Mootummaan misoomaa ADWUI riikardii guddina olaanaa galmeessisuu danda’ee ture. Dinagdee maakroo tasgabbeessuufis baasii mootummaan humna namaarratti qabu dabaluuniifi invastimantiiwwan uummataa babal’isuun hojjechaa ture. Dhugaa dubbachuuf, guddina olaanaa biyyattiin galmeessisaa turte irraa ka’uun bara 2022tti biyyoota galii gidduu-galeessaa jalatti ramadamti jedhamee eegamaa ture.

      Haala gaddisiisaa ta’een, guddinni saffisaa biyyattiin galmeessisiisaa turte mormitootaafi qeeqtota mootummaa warreen ta’an callisiisuuf itti fayyadamuun amala mootummaa abbaa irrummaa isaa daran mul’isuu eegale. Dhugaa dubbachuuf, qondaaltonni mootummaas sarbinsa mirga namoomaafi dimookirasii raawwatamaa ture hin haalle. “Garaa duwwaa dimookiraasii qabaachuu hin dandeenyu” yaada jedhus akka sababaatti dhiyeessu.

      Mootummaan abbaa irree olaantummaa dhaaba tokkoo itti fufsiisuuniifi mootummaa misoomaa dhugoomsuun dhaaba mormitootaa fageenyatti ofirraa faccisuun akkasumas bulchiinsa(bureaucracy) isaa loogtota amanamoon guute.

      Faayinaansii siyaasaa ADWUI.

      Yaada Naataan, ” Aangoon siyaasaa [Afriikaa keessatti] yeroo baay’ee nama dhuunfaa akkasumas waahillan isaanii sooromsuuf itti fayyadamu.” jedhutti waliin gala. Itoophiyaa keessatti bara 2018n dura, dinagdeen biyyatti to’annoo ADWUI jala waan tureef dingadee biyyaa sochii siyaasaa isaaniif fayyadamaa turan.  Dhaabbilee mootummaakan ta’an(SOE)fi bajata naannoolee to’achuun isaa madda galii faayinaansii siyaasaa isaati. Namoonni siyaasaa naannoo uummanni isaan filatetti tola akka ramadan imaammata inni hordofaa jiruuf ragaadha.

      Maddi galii faayinaansii mootummaa ADWUI inni guddaan dhaabbilee mootummaa kan ta’aniifi dabalataan mootummoota darban irraa kan dhaale (Kanneen akka Dhaabbata xiyyaaraa Itoophiyaa, Korporeeshinii sukkaaraa Itoophiyaa, Korporeeshinii Teeleekominikeeshinii Itoophiyaa)fi fandii paartiileef kennamudha. Akka dhimma EFFORT- fandii ABUT’n kennamu osoo hin taane, Kenninsi fandiifi paartiin seeraan gargar bahee jira. Akkasumas fandiin kallaattiin paartii maallaqaan gargaaru baatus bifa carraa hojii, waliigalteefi carraan bittaan fakkeessuun duudhaa ta’eera.

      Miseensi paartii ADWUI hundi qabeenya ofii isaa to’atan kanneen akka Tumsaa, Oromiyaafi Xiret, Amaaraa qabaatanis lakkoofsaan, bal’inaaniifi gahumsa seektarummaa sadarkaa naannootti kan Tigraayiin hin qixxaatan. Kana jechuun wanti EFFORT naannoo Tigraayi keessatti raawwataa ture naannoon kaan naannoo filaannoo isaaniif ramaduufillee hin danda’an turan. Kunis qabsoon jijjiiramicha fide Tigraayiin ala naannoolee hunda keessatti gaggeeffamuun isaa sababa gahaadha.

      Akka dhugaa jirutti, konglomeerooni akka EFFORT, galii biyya keessaa mootummaa naannoo Tigraayi dhibbantaa 60 ta’u kan haguugu yoo ta’u madda faayinaansii cimaafi bilisaa ta’uu

      isaarraan kan ka’e yeroo mootummaan Feederaalaa ramaddii bajataa irratti bulchiinsa gandaa Tigraayirratti qoqqobbii kaa’ellee dhiibbaa isarratti uumaa turan.

      “Lewet” Jijjiiramichi maal of keessatti qabatee ture?

      Kaaldiroonii Itoophiyaan har’a keessa jirtu muffii waggoota dheeraafi waldhabdee gidduu-galeessaati. Jijjiiramni bara 2018 namoota hedduun jajamaa ture wantoota akka dimookiraasii, bulchiinsaafi kabajamuu mirga dhala namaa akkasumas haqa-dhabeessummaa raabsaa(addaan qoodinsa) qabeenyaa akka sirratu abdii qabu turan. Bara 2018 booda faayinaansiin siyaasaa biyyattii jijjiiramaafi qindaa’ina haaraa kanneen akka gar-tokkeen nama dhuunfaatti dabarsuu Baankiifi seektara Teeleekoomii, kaappitaala alaa iddoowwan ijoo Indaastriif eeyyamuu, maallaqawwan turan jijjiiruufi Tigraayi dhiibuun akka wiirtuu ijoo faayinaasii siyaasaa turan.

      Kun, haa ta’u malee, ADWUI’n mootummaa biyyattii waan tureefi jijjiiramni keessoo mootummaan gama seektara hundaan dhufe waan ta’eef yaabbannoo sirrii hin turre. Weerarri Covid-19 dinagdee biyyatti miidhuu, waraanni Kaabaa wagga tokko keessatti qofa gara qarshii Biliyoona dhibba tokkoo ol baasisuu, Sababa hongeen lubbuun miliyoonotaa beelaaf saaxilamuufi gadi-bu’aa deemuun dinagdee addunyaa waraana Yuukireeniin immoo ariifachiisuun isaa haalota duraan turan akka hammeessu taasiseera.

      Gara jalqabaa mootummaan tarkaanfiiwwan gama imaammataan qindoomina qaban fakkaatan (kanneen akka jijjiirraa maallaqaafi yaa’insa maallaqaa daangessuu) yaa’insa faayinaansii dabalataa gara sirna idileetti fiduufi yaa’insa faayinaansii seeraan alaa daangessuun duras hojiirra kan ture ta’us quubsaa akka hin taane ifadha. Akkasumas rakkoowwan hedduuf dursa kennamuu qaban osoo jiranii maallaqa miliyoonaan lakkaa’amu baasuun haaromsa waajjiraalee Feederalaafi magaalaa guddoo bareechuuf piroojektoota gurguddoo akka,” Shaggar miidhagsuuf” dursa kennuun hedduu namaa mufachiiseera. Dabalataan furmaata ariifataa imaammata barbaadanis cinaatti dhiiseera.

      Fuuldurri maal fakkaata?

      Weerarri Covid-19 fi talaalliin isaa addunyaa dureeyyii fi hiyyeeyyii gidduutti qoqqoodinsa guddaa fi waaraa ta’e ifa godheera. Dinagdeen addunyaa duubatti deebi’aa waan jiruuf, invastaroonni wanta tilmaamamuu fi tasgabbii barbaadu. Kanarraa ka’uun, korporeeshiniiwwan biyyoolessaa baay’ee oomisha isaanii irratti mudaa itti fufiinsa qabu sodaachuun humna-hojii talaallii gadi aanaa qaban irratti hirkatanii jiraachuu hin filatan, kun biyyaa akka  Itoophiyaa bakka ummanni dhibbantaa 80 ol ammallee guutummaatti talaallii hin fudhannetti dhugaa ta’uu mala.

      Baasii mootummaan of eeggannoo malee baasu, hawwata tuurizimii invastimanii alaa irratti godhu, indastriiwwaan dhibbaan lakkaa’aman cufamuu isaanii irraan ka’e hammi hojii dhabdummaa dabaluu, Waraana waliin walqabatee haalaan dabalaa dhufuu baasiiwwan nyaataafi boba’aa biyyatti gara rakkoo siyaasaa keessaa hin baanetti galchuu mala. Akkasumas, Baankiifi Teeleekoom gar-tokkeen dhuunfaatti dabarsuuniifi Daandiin Qilleensa Itoophiyaa qaawwa faayinaansii amma mudate suphuu danda’us furmaata waaraa lammiillee bal’aa guyyaa guyyaa deebisuu  hin danda’u.

      Dhugummaatti, taatee amma deemaa jiruun lammiilee Itoophiyaa warreen galii gad-aanaa qabaniif dhimmi lubbuun jiraachuu gaaffii keessa galaa jira. Kanaafuu, mootummaan lammiilee kana deeggaruuf sagantaalee deeggarsa hawaasummaa garagaraa dabaluufi meeshaalee barbaachisoo ta’an warreen galii gad-aanaa qaban fayyadaman irratti dhiibbaa wal madaaluu hin dandeenye dhufuu danda’u karaa itti furamu barbaaduu qaba.

      Dhaabbanni Fandii Maallaqaa Addunyaa(IMF) gabaasa haaraa baaseen guddinni Itoophiyaa bara 2023tti dhibbantaa 5.7 ta’uu mala jechuun tilmaamus mootummaan mataan isaa piroojektoota gara nama dhuunfaatti dabarsuu irratti yeroo fudhatee irra deebi’ee yaadaa waan jiru fakkaataa jira. Dinagdee bilisa baasuu garuu baay’ee kan deeggaru ta’uun isaa ifadha. Kanaafuu, humnoonni tarkaanfataa Itoophiyaa keessa jiran gurmaa’insa dinagdee biyyattii hunda hammataa ta’e keessatti mootummaa itti gaafatamaa taasisuu danda’uu qabu. Tarkaanfii mootummaan fudhatu kamiyyuu baasiin harka caalu kan hiyeeyyii Itoophiyaafis ta’e baasii dimookiraasiif taasifamu akka hin taane mirkanneessuu qabu.

      * Fiqir Geetaachoo, Dhaabbata Liidershiippii Afriikaa Yuunivarsiitii Finfinneetti Daayirektera olaanaa yuuz Liidershiippii eende Aliyaansii foor divilopmentiiti.

      * Yaadachiisa Maxxansaa: gumaachi kun qaama seeneffama dhaabbatni CARD dargaggoota Itoophiyaa gidduutti marii beekumsa irratti bu’uureffame jajjabeessuuf maxxansiisuuti. Isinis yoo gumaachuu barbaaddan yookaan

Viewing 0 reply threads
Reply To: Jijjjiramaa(?)fi Garaa duwwaa
Your information: