Sabboonummaa fi Heera Mootummaa Fooyyessuu: Itiyoophiyaa Biyya Lammiilee Itiyoophiyaa Hundaa Taasisuu

Home Forums Waltajjii Dargaggoota Sabboonummaa fi Heera Mootummaa Fooyyessuu: Itiyoophiyaa Biyya Lammiilee Itiyoophiyaa Hundaa Taasisuu

  • This topic is empty.
Viewing 0 reply threads
  • Author
    Posts
    • #3461 Reply

      Iddoosaa Deggefee Guutaatiin

      Itiyoophiyaan haaraan mootii Miniliik lammaaffaatiin (1889-1913) humnaan hundeeffamuun ishee rakkoo har’a Itoophiyaa dhugaa sab-daneessummaa irratti bu’uureffamte fi lammilee hundaaf taatu uumuu keessatti mul’atu uumee jira. Yaadota Bitsi’iit Alamuu barreeffama ishee ‘Itiyoophiyaan kan Eeenyuuti?’ jedhu keessatti kaastee kanneen akka ‘dogoggora akkaataa qabinsa sabummaan uumameen sabummaan aalbee ykn bu’uura walitti bu’insa siyaasaa fi finxaalessummaa sabboonummaa fidee jira. Furmaanni rakkoo kanaa ammoo caasaa siyaasaa fi hawwaas-dinagdee biyyatti keessa kan hundee gadi fageeffatte ta’ee jira’, Akkasumas, Itiyoophiyaan biyya sab-daneessummaa irratti hundooftu ta’uu ishee haaluu kan itti fufnu yoo ta’e, rakkoo amma keessa jirruuf furmaata fiduu hin dandeenyu. “Rakkoo Itiyoophiyaa yeroo ammaaf furmaatni isaa Itiyoophiyaan biyya sab-daneessaa ta’uu isheetiif beekamtii kennuuudha” kan jedhutti nan amana. Dabalataanis, yaada ishee “akka seenaan jedhutti saboonni gara garaa beekamtii sarbamuu isaanii amannee hin fudhannu taanaan gara fuulduraatti tarkaanchuu hin dandeenyu” kan jedhu nan fudha.

      Garaagaarummaan ani Bitsi’iiti waliin qabuu fi qabxiilee isheen hin kaasiin hafte akka arman gadiittan ibsa. Ka’umsarratti, biyyi Ittiyoophiyaa Miniliik lammaaffaan (1889-1913) humnaan hundeefamuunsheedhaan walqabatee rakkoo mudateef Bitsi’iiti xiyyeeffannoo hin kennine. Sochii Miniliki lammaaffaan daangaa bulchiinsa isaa humnaan gara Kibbaatti babal’ifachuuf taasise keessatti diddaa isa qunname ture irraa kan ka’e baroota gara dhumaa sirna bulchiinsa Haayile Sillaasee tokkoffaa (1930-1974) murnoota akkasumas saboota hacuuccaa jala jiraniin gaaffiin mirga hiree murteeffannaa akka ka’u taasiiseera. Mirgi abbaa biyyummaas sarbinsa haqaa fi cunqursa sirnoota duraan turaniin dhiibbaan irratti taasifamaa ture. Cunqursaan sirnoota darbaniin raawwataman bifa of eeggannoo qabuun hirphamuu qabu. Rakkinichaaf furmaata itti fufinsa qabu argamsiisuuf tokko tokkoo kutaa hawaasaa fi gaaffii isaan qaban irratti qorannoo taasisuun barbaachisa dha. . Qorannoo kana taasisuuf ogeessota of-eeggannoon filachuu fi loogii irraa bilisa ta’uu isaanii qulqulleefachuuf tooftaa diriirsuun barbaachisa. Haalli kun sabaa fi sab-lammoonni cunqursaa sirnoota darbanii keessa turan miira abbummaa Itiyoophiyaa irrati qaban daangeesse waan tureef kana hirphuun barbaachisaa dha. Haa ta’u malee, Bitsi’iit adeemsa seenaa dheeraa yaada siyaasa baatee jiru kana osoo hin ilaaliin fiinxaalessummaa sabboonummaa amma uumamee jiruuf akkasumas walitti bu’insa saboota gidduu jiruutiif duuchaatti federaalizimii sabummaa yeroo har’aa hojii irra jiru irratti komee dhiyeessite. Silaa kan ta’uu qabu bara ADUWI keessa faayidaa sirni federaalizimii kun fidee fi raawwii isaa irratti hanqinoota mudatan addaan baafachuu dha.

      Barreffama ishee keessatti daneessummaa biyyatti keessa jiru akkamiin haala fooyya’aa ta’een hogganuun akka danda’amuu hayyoonni yaada filannoo dhiyeessan hedduun jiraatanillee Bitsi’iit yaada lammilee Itiyoophiyaa lamaa, jechuun kan Waalellinyi Mokonnonii fi Ibsaa Guutamaa qofa dhiyeessite. Fakkenyaaf, yaada falmii Pirofeeser Asaffaa Jaalataa “gaaffiin Oromiyaa akkuma kan Eeritiraa gaaaffii kolonii (kan walabummmaa Oromiyaan qofa furamu)’ kan jedhu ilaaluun barbaachisa ture. Yaada gar-tokkee isheen dhiyeessite kanaan biyya Itiyoophiyaa dimokiraatessuunis ta’e gaaffii sabboonummaa qixa-sirriin deebisuun hin danda’mu.

      Akka yaada Pirofeeser Mararaa Guddinaattis, ‘karaa tokkoon saba lakkoofsaan wayyaba ta’e moggaatti qabuun; karaa biraan ammoo dimokiraatessuu fi siyaasa gidduu irraa dhiibuuf abjoochuun dubbii wal dhiitu dha’. Dabalataanis, Pirofeeser Mararaan, “Ajandaa waloo Itiyoophiyaa domokiraatowaa taate uumuuf dandeessisu lafa kahuuf tokkommaa daneessummaa irratti hundaa’e fudhachuun karaa haqa qabeessa ta’ee fi ciminaan fulduratti deemuun barbaachisa” gorsa jedhu kennu. Ejjennoon Pirofeeser Mararaa kun yaada giddu galeessa ta’ee dha jechuun ni danda’ama.

      Lammii Itiyoophiyaa ta’uuf haaloonni guutamuu qaban osoo jiraatanii akkuma nammoonni dhuunfaa fi murnoonni tokko tokko yeroo amma jedhan kantti ibsama ture. Gaaffiin Ibsaa Guutamaa ‘Itoophiyaawwiin Eeenyyuu?’ jedhee kaase Itiyoophiyummaa fi sabummaa gidduutti akka waan filannoon tokko qofti kaawameetti ilaalamuu hin qabu. Haa ta’uutii, namni tokko lamaan isatiin (Itiyoophiyummaa fi sabummaadhaan) of ibsuu danda’a akkasumas eenyummaan lameen kun waloodhaan jiraachuu danda’u. Kun hubannaa mataa ofiif eenyummaan daangaa hin qabne akka jiraatu dandeessisuun yaada fiinxaalessummaa fi waliitti bu’insa ni hir’isa.

      Dhugaa dubbachuuf, Itiyoophiyaa keessatti siyaasaan eenyummaa sabummaa irratti bu’uureffate fiinxaalessummaa fi qoqqoodinsa uumuu irra darbee caasaa aangoo siyaasaa keessatti mul’atee jira. Haa ta’u malee, rakkoo yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessa jiru furuuf jecha ‘finxaaleeyyummaa’ jedhu faayadamuu hin qabnu. Rakkoo jiru furuuf caalaatti ulfaataa kan taasisu, murna saba biraatiif maqaa tuffii fayyadaman akkasumas “hayyoota” ykn “rogeeyyii” garee biroo maqaa balleessanidha. Adeemsi akkasii faayidaa kan hin qabne dha. Yeroo har’aa jecha nama ajjeesuu osoo hin taane kan fayyisu barbaaduu qabna.

      Bitsi’iit Itiyoophiyaa keessatti gaaffiin lafaa madda walitti bu’insaa akka ta’e kaastee jirti. Yaada kana kaasuun ishee tarii naannolee tokko tokkotti saboonni abbaa qabiyyummaa lafaa daangaa isaanii irratti qabaachuu barbaadan waan jiraniif ta’uu danda’a. Haa ta’u malee, abbaa qabiyyumma lafaa fi daangaa bulchiinsa lafaa irratti falmii fi mariin akka barbaachisuu agarsiisuf baay’ee itti hin adeemne.

      Dhuguma akkuma Bitsi’iit xiyyeeffamnnoo kenniteef, tokkummaa biyyaalessaa dhugaa ta’e kan saboonni hundi wal qixa keessatti hirmaatan uumuuf carraaqqii taasifnu keessatti duudhaalee dimokiraasii biyya keessa biqilan fayyadamuu qabna. Haa ta’u malee, jaarmiyaalee biyya keessa biqilan kan hundi itti walii galu of-eeggannoon filachuun waan barbaachisuuf kun hojii salphaa hin ta’u. Yaada isheen kabajni seenaa darbee fakkeenyaaf kan akka injifannoo Adowaa wal dhabdee biyya keesssaa xiqqeessuudhaan tokkummaa cimsuuf fayyada jedhu nan falma. Akka ani yaadutti, yaadni kun haleellaa ykn yaaddoo ala irraa aggaamamuu qolachuuf ykn ittisuuf uummata dammaqsuu akkasumas tokkoomsuuf caalaatti gargaara.

      ‘Itiyoophiyaan kan eenyuuti?’ gaaffiin jedhuuf fi eenyummaan Itiyoophiyummaa maal maal akka of keessatti hammatu heera mootummaa biyyattii keessatti tareeffamee jira. Dubbii ijoo yeroo warraaqsa uummataa ka’aa turee fi ademsa siyaasa isa booda dhufe keessatti gaaffilee ka’aa turan tilmaama keessa galchuun heera mootummaa kana fooyyeessuun barbacahisaa akka ta’e hubachuun dirqama dha. Heerri mootummaa fooyya’ee bahu ‘mudaa dhabeessa’ kan ta’ee fi gaaffii fi fedhii dhaloota ammaa fi egeree wajjin kan walsimu ta’uu qaba. Tumaalee haaraan fooyya’insa heera mootummaatiin dabalamanii fi kanneen keessaa hafan fedha ummataa irratti kan hundaa’an ta’uu qabu.

      Siyaasni eenyummaa ykn sabummaa madaala ykn daawwitii jireenyi hawaasummaa ta’ee jira. Qorannoo fi mariin jiruu hawwaasaa ilaalchisee godhamus dhiibbaa siyaasa eenyummaa irraa walaba miti. Sabbooummaan yaada loogii “Nuyii” fi “Isaan” jedhu irratti irratti hundaa’e furamuu kan danda’u hubannoo biyyaalessummaa fi marii ilaa fi ilaameetiin qofaan dha. Falmii bal’aa fi qabatamaa ta’e kan humnoota siyaasaa gara garaa, dhaabilee miti-mootummaa fi waldaalee lammiilee, riphe loltoota, hayyoota, dhaabbilee barnoota ol’aana fi midiyaa hirmaachise taasifamuu qaba. Kun heera mootummaa waaraa (itti fufinsa qabu) akkasumas hawaasa hundaatiin fudhtama qabaatu fi dimokiraatawaa ta’e qopheessuuf haal-duree barbaachisaa dha. Milkaa’ina fooyya’insa heera mootummaaf yaadamaa jiruuf akkasumas heerichi miira abbummaa dhaloota har’aas ta’e egeree akka calaqqisiisu mirkaneessuuf hubannoo biyaaleessaa babal’isuun jajjabeeffamuu qaba. “Bakka bu’oota uummtaa” yeroo daanga’ee fi haala dhiphoo keessatti filataman waliin maariin godhamu hafuu qaba. Itti fufinsii fi tasgabbiin heera mootummaa akka walii galaatti tasgabbii biyyaatiif baay’ee muteessaadha.  Akkasumas rakkoo amma biyyattii mudatee jiru furuuf heera mootummaa haara bassuun akka furmaata filannoo hin qabne tokkotti fudhatamuu hin qabu. Adeemsi fooyya’insa heera mootummaa iftoomina ol’aanaa fi hammataa ta’een gaggeeffamuu qaba. Kanaafuu, yaalii heera mootummaa ammaa fi gara fuul-duratti fooyyeessuuf taasifamu keessatti qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi kanneen akka jaarmiyaalee hawwaasaa fi uummati bal’aan jijjiirama karoorfame beekuu isaanii mirkaneessuun barbaachisaadha.

      Morkattoonni siyaasaa Itiyoophiyaa keessa jiran waantota kanneen raawwachuu qabu: sanduuqa keessa dhokatan (gola) keessaa bahuu; dukkana osoo hin taane abdii fuldura isaaniitti ilaaluu; guddisanii yaaduu; ilaalchaa fi ejjennoo isaanii keessa deebi’anii gilgaaluu qabu; yaada jallinaa dhiisuu; bu’aa (dantaa) siyaasaaf jecha walitti bu’insa facaasuu dhiisuu akkasumas marii keessa filannoon jiraachuu beekuu fi mari’achuun moo’amuu akka hin taane hubachuun qabu.

      Halaa qabatamaa yeroo har’aa Itiyoophiyaa keessa jirtuun qaamoleen hundinuu afuura waraanaa (lolaa) kan “anatu moo’a; hunda fudhachuun qaba” qofa afarsu; yaada waarawaa kan hin ta’iin dhiisuu qabu. Mariin qajeelummaadhaan hin gaggeeffamne adeemsa gara fulduraa waan gufachiisuuf, qaamoleen marii gaggeessan marti duudhaa kennanii-fudhachuutti amananii fudhachuu qabu. Waan kana ta’eef, morkattoonni siyaasaa hundi yeroo mariidhaaf gad taa’anitti akkaataa dubbii isaanii fi qooqa faayadaman irra deebi’uun ilaaluu qabu.

      Akka yaada kootti, gara fooyya’insa heera moootummaatti osoo hin ce’iin dura mariin biyyolessaa hunda hammate gaggeeffamuu qaba. Fooyya’insi heera mootummaa Itiyoophiyaa akka milkaa’u yoo barbaadne qaamolee dhimmi ilaallatu akkasumas hawaasa bal’aa biyyatti gidduutti afuura wal hubannoo uumuuf dursa kennuun barbaachisaadha. Rifireendemii Iskootilaandii fi foxxoquu Suudaan Kibbaa yoo fudhanne mariin hammataa ta’e dhabamuu isaa calaqsiisa. Walii galtee biyyoolessaa fi wal hubannoo irra ga’u kanin jedhu kanaaf. Keeyyata heera mootummaa fooyyeessuun yaada nama dhuunfatiin dhibbaan kan irratti ta’uu danda’u yommuu ta’u barbaachisummaa isaarratti uummanni bal’aan erga irratti walii galee booda ogeessotaan adeemsifamuu qaba. Keeyyattooni heerichaa fooyya’uu qaban namoota dhuunfaa fi hawaasa bal’aan erga irratti walii galamee hayyootaan raawwatamuu qaba. Tumaaleen (keeyyattoonni) heerichaa hedduun isaanii ‘gad-fageenyi isaa seeraan murtaa’aa’ waan jedhu qabu. Kun adeemsa fooyya’insaa godhamu keessaatti hirmaannaa ogeessotaa akkaan kan barbaachisu ta’uu agarsiisa. Dhihoo kana naannoo Tigiraayitti Boordiin Filannoo hundeeffamuun isaa irraa kan ka’e atakaaroo (rakkoo wal xaxaa) uumame keessaa bahuuf falmiin hayyootaa barbaachisaadha.

      Walitti dhufeenyaa sabootaa seenaa keessatti wal madalaawwa hin ta’iin hirphuu fi fayyisuuf diimokiraasii al-waaltawaa ta’e diriirsuun barbaachisa. Aadaa bulchitoota duraanii irraa kan dhaalame, adeemsi hooggansa gararraa gara gajjallaa ta’ee fi amalli ol’antummaa garee tokkoo qabu keessa deebi’amee ilaalamuu qaba. Sirni bulchiinsa al-walteessuu dhugaa ta’e kan bulchitoota naannolee gara-gadii murtii kennuu keessatti hirmachise hojiirra ooluu qaba. Rakkoo amma Itiyoophiyaan keessa jirtuuf adeemsa furmaata barbaaduuf godhamu keessatti guddina madaalawaa hin ta’iin hawaasa Itiyoophiyaa gidduutti mul’atu fi afuura miidhamtummaa darbee tilmaama keessa galchuun barbaachisa.

      Itiyoophiyaa keessatti ilaalchi siyaasaa hariiroo ‘gidduu – moggaa’ hafuu qaba. Aadaan uummata moggaa (keessumatuu horsiisee bultootaa fi wal makaa ta’an) xiqqeessanii ilaaluu dhabbachuu qaba; kana sirreessuufis tattaaffiin taasifamu qaba. Akka walii galaatti, Itiyoophiyaa kan hunda keenyaa taate uumuuf mootuummaan, finciltooti, jarmayaaleen hawwaasaa (sivilii), dhaabbileen miti-mootuummaa, namooti dhageettii qaban, abbootiin amantaa… qaamoleen dhimmi ilaallatu cufti imaammataa fi hojimaata isaanii bifa haqa-qabeessaa fi marii irratti hundaa’een keessa deebi’anii ilaaluuf yeroon isaa ammadha.

Viewing 0 reply threads
Reply To: Sabboonummaa fi Heera Mootummaa Fooyyessuu: Itiyoophiyaa Biyya Lammiilee Itiyoophiyaa Hundaa Taasisuu
Your information: