Kaard (CARD), dhaabbata Daataa foor Cheenji waliin ta’uudhaan tajaajila intarneetii argachuu ilaalchisee duula torban lamaa jalqabee jira

Dhaabbanni Wiirtuu Dagaagina Mirgootaa fi Diimoookiraasii (Center for the Advancement of Rights and Democracy-CARD), deggersa michoomaa ijaarsa dandeettii walitti fufiinsaan seennessa ragaalee irratti dhaabata Dataa for Cheenji irraa argatuu irratti hundaa’uudhaan duula toora intarneetii(online) geggeessu har’a Caamsaa8,2014 jalqabee jira. Duulli kun mata duree “Qoqqooddii Dijitaalaa: Hanqinni ga'umsa intarneetii humna Itoophiyaa irratti danqaa inni uume”

jedhu jalatti torbanoota lamaaf kan itti fufu ta’a. Duulli kun odeessa ragaalee qabatamoo irratti hundaa’uudhaan banaa(gap) haala qabatamaa lafa jiruu fi mul’ata mootumaaan itoophiyaa qaqqabsiisa tajaajila dijitaalaaf abjootu gidduu jiru agarsiisuuf akka oolutti kan dhiyaateedha. Bu’raaleen misoomaa hanqachuun, gatiin tariifaa ulfaataa ta’uu, akkasumas qoqqobbii cufamuu intarneetii mootummaan kaa’u, banaa guddaa Itoophiyaa keeessatti namoota tajaajilli intarneetiin isaan qaqqabuu fi kanneen hin qaqqabne giduutti uumameef shora guddaa taphateera. Seenessi ragaalee kun akkasumas haala itti oomishi walii gala biyya keessaa(GDP) Itoophiyaa qaqqabsiisa  intarneetii yeroodhaa gara yerootti dabalaa adeemuu fi taarifa madaalawaa ta’een dhiyaatus ni akeeka.

Duulli intarneetii kun Feesbuukii, Tiwiitarii, Instaagiraamii, akkasumas Teelegiraamii irratti Afaan Ingilizii, Afaan Amaaraa fi Afaan Oromootiin ergaa dabarsuun ni geggeefama. Kaard(CARD), namoota dhuunfaa,yookiin dhaabbilee kamiyyuu kan murteessummaa qaqqabsiisa intarneetiitti amananiif fi dandeettii guddina Itoophiyaa arguu fedhan hundaaf waamicha ni dhiyeessa, seenessa kana eertuu xiyyeefannoo ( #)  haash Taagii, #KeepItOn jedhu waliin kanneen biroof akka qooddan isin gaafanna!

Seenessa kana amma dubbisaa!

Add a review

The comment language code.

Restricted HTML

  • Allowed HTML tags: <a href hreflang> <em> <strong> <cite> <blockquote cite> <code> <ul type> <ol start type> <li> <dl> <dt> <dd> <h2 id> <h3 id> <h4 id> <h5 id> <h6 id>
  • Lines and paragraphs break automatically.
  • Web page addresses and email addresses turn into links automatically.